MAALTU TA'E?

BAGA NAGAAN DHUFTANI!

Guyyaa Gootota Oromo 2013
Kabaja waggaa 2011
Guyyaa Gootota Oromo 2010
Guyyaa Gootota Oromo 2009
Guyyaa Gootota Oromo 2008
Kabaja wagga-07
Fest. barressuu
Seminaara'06
Agarsisa aadaa
Guyyaa maati '05
Guyya gootota'05

 

Kabaja Guyyaa Gootota Oromo bara 2013
Guyyaa:
Ebla 20, sa'at 18:00 eegalee
Bakka:
Bekkefaret bydelshus

Koota faaru Gootota Oromo waliin haa farfannu!

FAARU ALABAA OROMO                                                                                                                     .

 

Alaabaa Oromoo ibsiituu dhukkanaa;
 Guyyaa si dhaabbaanee gabrummaa dha baanaa
  

 

Dhiiraa dhalaa keenyaa , bakkuma jiranii;
Gadi si dhaabuuf jechaa, ibiddaan dhumanii    

 

  Alaabaa Oromoo ibsiituu dhukkanaa;
  Guyyaa si dhaabbaanee gabrummaa dha baanaa

 

Kum kumni illee du'uu kan hafeen si dhaabnaa,
Du'a irraa hindeebinuu, tarree irra dhaabbannaa.

Alaabaa Oromoo ibsiituu dhukkanaa;
 Guyyaa si dhaabbaanee gabrummaa dha baanaa

 

Asxaa sirna haarayaa abdii walabummaa

Dhiigaan gadi si dhaabna ya fajjii tokkummaa 

 

      Alaabaa Oromoo ibsiituu dhukkanaa;
      Guyyaa si dhaabbaanee gabrummaa dha baanaa


Balali’uuf teessa atis tarree galtee

Mallattoo mootummaa Oromootaa taatee


      Alaabaa Oromoo ibsiituu dhukkanaa;
      Guyyaa si dhaabbaanee gabrummaa dha baanaa

 

 Si dhaabbannee bullaa, halkan tokkoof illee,
 Guyyaan sun ni dhufaa hangam yoo ture illee.
   
Alaabaa Oromoo ibsiituu dhukkanaa;

Guyyaa si dhaabbaanee gabrummaa dha baanaa (5)

 

Ilmaan saba keenyaa bakkuma jirani’

Gad si dhaabuuf jechaa falmkaa irratti dhumanii/2/’

Kumkumni illee du’u kan hafen si dhaabnaa

Falmaa irraa hin deebinuu taree irra dhaabbannaa/2/

Asxaa sirna haaraa abdii walabummaa

Dhiigaa gadi si dhaabnaa yaa faajii tokkummaa/2/

Balali’uf teessee atis tarree galtee;

 

Mallattoo motummaa Oromoodhaaf taatee/2/

Sidhaabbannee bulla halkan tokkof illee

Guyyaan sun ni dhufaa hagam yoo ture ille/2/

 

FAARU GOOTOTA OROMO                                                                                                                           .

Maal Dhaamanii Jaalleewwan Qabsoof kufanii

Oromiyaa falmachuuf hadhaa du`aa kan dhugani

Dhaadannoo keenya kaasaati galiin nuu gahaa jedhani

Ba`aa keenya ida`achuuf of qopheessaa nuun jedhani(2)

 

Jaallan keenya tarree turre daandii dhiigaan tattaraarre

Akka hin diigamne eegaa daandii lafee keenyaan jaarre

Akka waliin jechaa turre nu hojiidhaan fasarre

Faana bu`aa nu hordofaa odoo yeroon hin dabarre(2)

 

Dirqama keenya guutuudhaaf gammachuudhan gargar bane

Bakkaan gahuu dhaaf ammo gatii lubbuu gaafatamne

Bakka itti dhaabbanne irraa akka itti fuftan dhaammanne

Kanaaf osoo hin deebine akka bobbaaneetti hafne(2)

 

Rimmee dhaaba keessa facaaftu tokkumma

Seera dhablummaa fi ayyaanlaallattummaa

Gartanii bira hin tarina irratti of kitima

Gola keenya eegaa akka ija nama(2)

 

Lafeen keenya haa caccabu dhiigni keenyis haa faca`u

Obsaan nurraan tarkaanfadha niyaan keenya bakkaa haagahu

Dammaqsaa hidhachiisaa kan bakka keenya bu`u

Nu riqicha taane sabni cunqurfamaa bilisa haa ba`u(2)

 

Baddaa fi gammoojjii keessaa lafeen keenyi haa addaatu

Waraabessi irraa nyaatee allaatilleen haa qoqortu

Bakka itti dhaabbanne irraa daangaa keenya haa falmannu

Daandii dhugaa irraa maqxan isin duraa haa muldhatu(2)