|
Fayyaa
I
Fayyaa
jechuun qaamaaf/nannaaf/nafaaf sammudhaan nagaa argatanii naannoo
ofitiinis nagaa tasgabiitiin
jiraachuu jechuudha. Dhukkuba hundumaa irraa qulqulluu taa’anii
jirachuu miti akka jaarmiyaan fayyaa adunyaa jedhutti.
Namas
ta’ee, bineensa, mukas ta’ee kan lafa kana irratti uumame
dhukkuba adda addaatiin qabamuu ni danda’ani. Dhukkubi bifa adda
addaa kara adda addaatiin nama adda addaa niqaba.
Dhukkubii
walii galatti
bakka lamatti hiramuu ni danda’a. Isaanis dhukkuba dadarbaniif dhukkuba
hindadarbineedha.Dhukkubi dadarbani biyya hinguddanne keessatti ni
baayyatu.
Biyyi
keenya biyya hinguddanne waan ta’eef dhukkubi dadarbaan namoota hedduu/baayyee
dhukkubsu.Akkasumas ajjeesu.Nammi dhukkubsanaan humna hinqabu, humna
hinqabu taanaan hojii hojjeechuu hindanda’u. Hinhojjennee taanaan
hiyyoomutu dhufa. Kana egaa kan takalee nuqabee jiru yaa uummata oromoo.
v
Mee
waan tokko haa ilaallu. Innis akkaataa
fayyaan,jireenyi lubuun jiraatan, humniif, nyaachuuf dhuguun wal qabatee
jiru. Inni tokko isa kaan malee qofaa isaa jiraachuu hindanda’u. Yoo
nyaatan malee jiraachuu hindanda’an. Yoo jiraatan malee nyaachuu
hindanda’an. Yoo hojjetan malee nyaachuus jiraachuus hindanda’an.Yoo
humna qabaatan malee hojjechuu hindanda’an. Yoo fayyaa argataniif
nyaatan malee humna godhachuu hindanda’an. Yoo fayyaa qabaatan malee
nyaachuus, humnas, hojjechuus hindanda’an. Yoo hojjetan malees fayyaa
hinargatan. Nammi
hojii hin hojjenne
fayyaa hinqabu(psychological
and sedentary life illnesses). Egaa fayyaa
tahuuf waan hojjetanii
argatan sanaan qaama
ofii jabeessanii(nyaataan)
dhukkuba ofi irraa
eguudha. Biyya hiyyummaan
dagaagetti waan nyaatan
isaa fidna jechuun
ni mala garuu
biyyi keenya badhaatuudha.
Qota bultooti keenya
raakkina keessa jiraachuu
isaan yoo beekne
iyyuu nyaatota
dhukkuba nama irraa
dhowwuu danda’an
salphaatti qotachuu
akka danda’an waan
tokko tokko quba
qabaachisuu
nidandeenya.Fakkeenyaaf Waan
akka lojoo, akka
heephoo, felfeleefaa,
akka kottee hareefa,
kan akka abbaa
billaafa, kan akka
goodareefaa kan akka
dinnicha booyyeefa
dinnicha oromoo camcamee,
kan akka qochoofaa,
raafuu, illaanchoo
abraangoo, buqqee,
hanchootee, sinaaficha,
dimbilaala, timaatimii,
karotii, hidda diimaa(qayyi
sir). Isa hafe hundi
itti haa guutu
keesumaa warri waa’ee
qonnaa beekan. Qomoo
minaan nyaataa kan
yeroo gannaa
naannoo manaatti
qotachuun ni danda,ama.
Yeroo bonaa ammo lagatti
bushaan jallisuudhaan
qotachuun ni danda’ama.
Keesumaa biyya keenyatti
nyaatoti kun iddoo
baayyeetti hinnyaatamu
garuu dhukkuba of irraa
dhowwuuf nanna namaa
jabeessuutti qooda
olaanaa qabu. Keesumaa
kan
akka timaatimii karootiifa
bakka baayyeetti hinnyaatamu.
Yoo nyaatamees darbee
darbeeti garuu isaan
kun vitaminiin isaan
keessaa argamu qaama
keenyaaf hedduu gargaara.
Waan
akka spinaachii,caabaaji applii,maangoo,paapaa
kan
kana fafakaatan ammo Iddoo baayyeetti waan beekamani nutti hinfakaatu
garuu jareen kun vitaaminii nanna namaattif kennuu irratti qooda kana
hinjedhamne qabu. Kookiinfa akkuma muka laayyootti ilaalama bakka
baayyeetti. Kunis waan hinargamnedha vitaminii kennuuf. Spinaachiif
caabaajiin akkuma raafuutti qotamu waan danda’amuuf lafa jirtannitti
waan kanas irratti hojedhaatii itti dhima bahaa.Itti yaadanii hojenaan
qoonqoo irra iyyu darbee gurgurrachuu nidandeessu.
Yaa
uummata oromoo waan salphaatti argachuu dandeessan beekumsaa dhabuu irraan
kan
ka’ee maal akka gootan dhabdanii dhukkuba adda addaatiin gidiraa keessan
argaa jirtu. Warra firii keennuuf waggaa dheeraa fudhatannis adaan jarreen
kana qabaachuuf nyaachuun uummata keessatti akka dagaaguuf bakka
hundumaatti duulli mukoota kana dhaabuutti bobahuu
barbaachisa(maangoo, apple,paapayaa,loomii---)
Keesaa
iyyuu yeroo ammaa yeroon mootummaan hiyyoomsaa wayyaane kun uummata oromoo
dhukkuba adda addaatiin laf irraa fixuuf saganteefatee hojii irra oolchuuf
itti boba’ee jiruudha.Dhukkubi dadarbaan hedduu/baayyee ammaataa dhufuu
isaa uummatni oromoof ogeeyyotni fayyaa oromo itti dammaqanii uummata
keenya dhumaati irraa hambisuuf kara adda addaatiin irratti hojjechuu
qabani.
Karaan
tokko dhukkubooti dadarboon adda addaa akkaata isaan nama tokko irraa nama
biraatti darbuu dana’aniif akkaata of irraa ittisuun danda’amu uummata
biratti argamudhaanis ta’ee radiyyoodhaan akkassumas barrudhaanis
taanaan waanuma danda’ame hundaan uummata keenya barsisuudha.
Kana
gochuuf mata mataan hojjechu irra haala qinda’amaa tokkoon hojjechuutu
caalaa.Kanaaf akka tolutti ogeeyyoti fayyaa oromoo kan biyya ambaa
jiraatan wal ijaarruun barbaachisaa ta’ee argama.
Utuu
akkaata dhukkuba hedduu of irraa dhorkan/dhowwan isinii hinhibsin ilmoon
namaa hundu fayyaa ofii eegachuuf maal baruu akka qabu isi beeksisuun
barbaachisaadha.
1
Tajaajjilli
fayyaa mirga namaa qofaa utuu hintaanee fayyaa ofii eegachuuf dirqama nama
sanaa ta’usaa nammi hundumtuu baruu qaba.
2
Galiin
sagantaa yookkiin jiruu fayyaa biyya tokkoo nammuu akka tajajjila
fayyummaa isaa ofii kennuu danda’u barsiisuu of keessaa qabaachuu qaba.
3
Nammi
barumsa hinqabne tokko yoo waa’ee fayyaaf dhukkuba of irraa ittisuu
salphaatti akkasumas ifatti itti himame yookkiin barsiifame dhukkuba
baayyee of irraa ittisee dhukkuba baayyee irraas of fayyisuun ni danda’a.
4
Beekumsi
fayyaa waan warra waa’eefayyaa barateef qofaaf/callaaf jedhamee
ilaalamuun isaa hafee nammi hundumtuu walaban irratti hirmaatee itti
fayyadamuu qaba.
5
Hundeessan
tatajjila fayyaa akka kennaatti kennamuu hinqabu garuu hundumtuu irratti
hirmaatee akka itti fayyadamu jajabeessuudha.
Namooti
barumsa xinnoo qabani waa’ee fayyaaf akkaataa dhukkuba of irraa dhorkuu
danda’an yoo barsiifaman akka
uummata balla’a barsiisuu danda’an amanamuu qaba.
|