|
Fayyaa
Lammaffaa
Akkaataa
dhukkuba hedduu of irraa dhorkuu danda’mu
Dhukkubsatanii
fayyuu irra dhukkuba irraa of eeguu wayya. Waan kana yeroo jennu waan
hindandeeny hojjedhaa jechuu utuu hintaanee waan dandeessaniif waan
qabaataniin hojjedha jechuu keenya.
Yoo
akka gaarriitti( dansaatti) nyaannee qulqullina mataa keenyaa mana
keenyaaf naannoo keenya eegne ijjoollee keenya ammoo limmee yookiin
qorricha/dawwaa/qorsa dhukkuba ittisaa(vaccination)fudhachiifne yookiin
katabsiifne dhukkuba hedduu of irraa dhorkuu nidandeenya.
Dhukkubi
garaa/marrummaanii kan gogaa namaa kan ija’a/ila’a kan sonbaaf kan
qaama/nafa/nakna cufaa hedduun/baayyeen qulqullina dhabuu irraan dhufu.
Dhukkubi
garaa baayyeen/hedduun/danuun isaanii nama tokko irraa gara nama biraatti
kan darbuu danda’an qulqullina ofiif qulqullina naannoo ofii dhabuu
irraati.Raammotaaf/buphaa/kille/anqaaquun isaanii baayyinaan udaan yookiin
bakke nama dhukkubsatee waliin gara bakkeetti bahu. Waan adda addaatiin
fakkeenyaaf qilleensaaf titiisaan akkasum lolaadhaan gara minaaniif
bushaanitti dabalamu. Namni fayyaan tokko minaan wajjin kana yoo nyaaate
busaan kanas yoo dhuge dhukkubi kun isa qabata jechuudha.Nyaachu dura
harka isaas bushaan qulqulluudhaan yoo dhiqachuudhaa baate dhukkubi kun
isatti darba.
Dhukkubooti
akka kanaan darban keesaa isaan kun hanga tokko. Isaanis kan akka
1
Ayina
hedduu kan ta’an raammota marrummaanii
2
Dhukkuba
albaasaa ameebadhaaf
bakteriyya kan jedhamani raammooijaan arguu hindandeenyeen kan sababaman
3
Dhukkuba
tiruu golfaaf xannee
4
Dhukkuba
laashessaa(polio)fi kan kana fafakatan
Dhukkubootii
dadarbaan kun nama tokko irraa kan biraatti duwwaa/callaa ta’uu ni
danda’a.Fakkeenyaaf mucaan dhukkuba raammoo garaa qabu tokko bakkee bahe/hagee
harka isaa utuu hindhiqatin waan nyaataa nyaachuuti jiru hiriyyaa isaatiif
yoo kenne hiriyyaan isaa dhukkubuma sanaan qabama.
Yeroo
baayyee horiin kan oolaafa re’nfa dhukkubuma garaa kana dadabrsuu ni
danda’ani. Fakkeenyaaaf namni dhukkuba garaa kaasaa qabu tooko bakkee
addiitti yoo dhimma bahe re’en yookiin oolaan udaan isaa nyaattee
funyaan isheetiif kottee isheetti dibuu haa dandeessu haa jennu.
Horiin
kun gara manaa dhaxxee lfa faalti. Mucaan kan da’imu yoo jiraate qaama
isaa lafa kanaan of xureessa. Dhukkubi kun mucichatti darba. Haati mucaa
yeroo mucaa ishee baattu harka ishee xureessiti.Harka ishee utuu
hindhiqatin nyaata maatii isheetiif qopheessiti. Maatiin minaan kana yoo
nyaatan dhukkuba garaa
kaasaan
qabamu.
Maatiin
kun yoo waan kanaan gaditti ka’ame kan godhan dhukkuba kana irraa
bararamuu yookiin of oolchuu ni danda’ani
1
Utuu
namtichi garaa kaasaa qabu sun mana fincha’aniif udaanii ijaarratee itti
fayyadama ta’ee
2
Utuu
maatiin kun re’en yookiin oolaan sun gara manaa akka hindhufne
taasisaniiru ta’ee
3
Utuu
da’ima sana bakka re’en dhaxe irra hinxabachiifne ta’ee
4
Utuu
haati mucaa erga mucaa harkaan qabdeef utuu nyaata hinqopheesin harka
ishee dhiqateetti ta’ee
Yoo
ganda tokko keessa
namoonni hedduun dhukkuba garaa kasaaf dhukkuba raammoo adda
addaattiin qabamani jiraataniif ijjoolleen hedduun dhukkuba albaatitiin
yoo du’an balaa kanaaf hirrinni nyaataas qooda ni qabaata
|