Barrefanno fayyaa

  Guba ykn gubaati

  Fayyaa I

  Fayyaa II

  Dhukuba busaa

  Dhukuba xannee

   Garaa kaasaa

  Qoricha malee

  Qulqullina nyaata
   Tasiboo
  Qaama Gubaa
  Golfaa
  Burn
  Unconciousness
  Being chocked
  Nyaata (Nutrition)
Your comment on the site

 

 

 

Fayyaa Lammaffaa

 

Akkaataa dhukkuba hedduu of irraa dhorkuu danda’mu

 

Dhukkubsatanii fayyuu irra dhukkuba irraa of eeguu wayya. Waan kana yeroo jennu waan hindandeeny hojjedhaa jechuu utuu hintaanee waan dandeessaniif waan qabaataniin hojjedha jechuu keenya.

 

Yoo akka gaarriitti( dansaatti) nyaannee qulqullina mataa keenyaa mana keenyaaf naannoo keenya eegne ijjoollee keenya ammoo limmee yookiin qorricha/dawwaa/qorsa dhukkuba ittisaa(vaccination)fudhachiifne yookiin katabsiifne dhukkuba hedduu of irraa dhorkuu nidandeenya.

 

Dhukkubi garaa/marrummaanii kan gogaa namaa kan ija’a/ila’a kan sonbaaf kan qaama/nafa/nakna cufaa hedduun/baayyeen qulqullina dhabuu irraan dhufu.

 

Dhukkubi garaa baayyeen/hedduun/danuun isaanii nama tokko irraa gara nama biraatti kan darbuu danda’an qulqullina ofiif qulqullina naannoo ofii dhabuu irraati.Raammotaaf/buphaa/kille/anqaaquun isaanii baayyinaan udaan yookiin bakke nama dhukkubsatee waliin gara bakkeetti bahu. Waan adda addaatiin fakkeenyaaf qilleensaaf titiisaan akkasum lolaadhaan gara minaaniif bushaanitti dabalamu. Namni fayyaan tokko minaan wajjin kana yoo nyaaate busaan kanas yoo dhuge dhukkubi kun isa qabata jechuudha.Nyaachu dura harka isaas bushaan qulqulluudhaan yoo dhiqachuudhaa baate dhukkubi kun isatti darba.

 

Dhukkubooti akka kanaan darban keesaa isaan kun hanga tokko. Isaanis kan akka

1        Ayina hedduu kan ta’an raammota marrummaanii

2        Dhukkuba albaasaa   ameebadhaaf bakteriyya kan jedhamani raammooijaan arguu hindandeenyeen kan sababaman

3        Dhukkuba tiruu golfaaf xannee

4        Dhukkuba laashessaa(polio)fi kan kana fafakatan

 

Dhukkubootii dadarbaan kun nama tokko irraa kan biraatti duwwaa/callaa ta’uu ni danda’a.Fakkeenyaaf mucaan dhukkuba raammoo garaa qabu tokko bakkee bahe/hagee harka isaa utuu hindhiqatin waan nyaataa nyaachuuti jiru hiriyyaa isaatiif yoo kenne hiriyyaan isaa dhukkubuma sanaan qabama.

 

Yeroo baayyee horiin kan oolaafa re’nfa dhukkubuma garaa kana dadabrsuu ni danda’ani. Fakkeenyaaaf namni dhukkuba garaa kaasaa qabu tooko bakkee addiitti yoo dhimma bahe re’en yookiin oolaan udaan isaa nyaattee funyaan isheetiif kottee isheetti dibuu haa dandeessu haa jennu.

 

Horiin kun gara manaa dhaxxee lfa faalti. Mucaan kan da’imu yoo jiraate qaama isaa lafa kanaan of xureessa. Dhukkubi kun mucichatti darba. Haati mucaa yeroo mucaa ishee baattu harka ishee xureessiti.Harka ishee utuu hindhiqatin nyaata maatii isheetiif qopheessiti. Maatiin minaan kana yoo nyaatan dhukkuba garaa kaasaan qabamu.

 

Maatiin kun yoo waan kanaan gaditti ka’ame kan godhan dhukkuba kana irraa bararamuu yookiin of oolchuu ni danda’ani

1        Utuu namtichi garaa kaasaa qabu sun mana fincha’aniif udaanii ijaarratee itti fayyadama ta’ee

2        Utuu maatiin kun re’en yookiin oolaan sun gara manaa akka hindhufne taasisaniiru ta’ee

3        Utuu da’ima sana bakka re’en dhaxe irra hinxabachiifne ta’ee

4        Utuu haati mucaa erga mucaa harkaan qabdeef utuu nyaata hinqopheesin harka ishee dhiqateetti ta’ee

 

Yoo ganda tokko keessa  namoonni hedduun dhukkuba garaa kasaaf dhukkuba raammoo adda addaattiin qabamani jiraataniif ijjoolleen hedduun dhukkuba albaatitiin yoo du’an balaa kanaaf hirrinni nyaataas qooda ni qabaata

Copyright ® 2006 OHPA
  Home            Membership       Current Projects        Activities         Contacts 

  HOME

MEMBERSHIP

PROJECTS

ACTIVITIES

CONTACT

WALDAA OGEEYYII FAYYA OROMOO (WOFO)
OROMO HEALTH PROFESSIONALS ASSOCIATION