Barrefanno fayyaa

  Guba ykn gubaati

  Fayyaa I

  Fayyaa II

  Dhukuba busaa

  Dhukuba xannee

   Garaa kaasaa

  Qoricha malee

  Qulqullina nyaata
   Tasiboo
  Qaama Gubaa
  Golfaa
  Burn
  Unconciousness
  Being chocked
  Nyaata (Nutrition)
Your comment on the site

 

 

 

Guba ykn Gubaatii

 

Caasuu ykn karooruu(outline)

  1. Tahinsa

  2. Sababaalee

  3. Ulaagaalee moggaasaa(diagnostic criteria)

  4. Eda’ama qormaataalee(supplemenary investigation)

  5. Wal’aansa

  6. Tilmaama itti bahinsaa(prognosis)

  7. Xumura

 

A.   Tahinsa

Sababaalee miidhamaalee gubaatiin ummatni miliyoonin tokko Ameriikaadhaa waggaattii ni dhukkubsatu. Namooti 45,000 hoospitaala ciisu. Warra hospitaala ciisan keessaa walkaan hospitaala addaa keessaa ciisu. Namoota miidhaalee gubaatiin hubamana keessaa walkaan ijoolee dha. Noorweetti ammoo sababaalee miidhaalee gubaatiin namooti 15,000 waggaatti gara dhaabbataalee tajaajila fayyaa dhufu. Namoota kuma tokkoo gaditu haspitaala ciisu, namoota 100 gadiitu hoosipitaala keessatti bakka addaa keessa ciisu.

 

Yeroo baay’ee eenyu kan miidhaa gubaatiitti saaxilaman?

 

Hoggaayyuu miidhaa gubaatiitti kan saaxilaman ijoollee umriin isaanii waggaa 1-5 dha. Isaan kun yeroo baay’ee bishaan ho’aan miidhaamu.

 

Namoota umriin isaanii waggaa 18-35 keessatti tahinsi gubaatii ol aanaa dha. Qoodi miidhama gubaatii yookan du’aa dhiiraa fi dubartii lamaa ffi tokko(2:1).

 

Hedduun miidhamaleen gubaatii eessatti ta’u?

Hedduun isaa manatti ta’uun isaa beekamaa dha.

 

B. Sababaalee

 

Ho’a

 

  1. Ijoollee keessatti gubina keessaa fi irra keessaa(ineternal and external) bishaan ho’aan

  2. Boba’aa abiddaan

  3. Wanneen ho’aa ta’aniin(wanneen ho’ifamaniin)-Fakkeenyaaf

 

a)      Qilleensa ykn gaasii ho’aa ta’aniin

b)      Rigii(friction)

c)      Elektiraan

d)      Calaqqee (radiation) fi yookiin raadiyooaktiiviin

e)      Keemikaalaan

 

C.   Ulaagalee Moggaasaa

 

Miidhamaalee abiddaa guddina yookiin ballinaa fi gadi fageenya isaatiin ibsama.

Gadi fageenyi miidhamni abiddaa gubaatiin raawwatamee gaafa lamaa yookiin sadii irra deebi’amee herregama. Gaafa guyyaa 1ffaa gadi fageenya gubaatii herreguun rakkisaa dha yookiin cimaa dha.

 

Sadarkaan miidhaa gubaatii

 

Sadarkaan inni duraa(1ffaa) – irra keessa gogaatti uggurama

 

Sadarkaa inni lammaffaa – Huwwisa gogaa fi yandee dabalata(epidemis and dermis)

 

Sadarkaan sadaffaa – Gubaatii yandee irraa fi jalaa(radee(subcutaneous) dabalatee fullaasee keessa baha.

 

Sadarkaan 4ffaa – Dhaabbataalee irra gadi gadi fagoo(boollangoo) kan akka maashaalee yookiin go’aalee(muscles), puggiilee(tendons), ribuulee(nerves) fi lafeelee dabalata.

 

Gubaatii sadarkaa 1ffaa

 

  1. Yandee irra keessaa(epidermis) yookin huwwisa gogaa

  2. Gogaan ni diimata, akkasuma dhukkubbiin guutama

  3. Gogaan kuufata bishaanii hin qabu(blisters)

  4. Marsaa dhiigaa tolaa yookiin sarmaa(normal) yookiin itti dabalaa dha

  5. Qeeqqata tolaa yookiin sarmaa qaba. (normal sensation)

 

Fakkoo armaan gadii ilaala

  

Sadarkaa 2ffaa gubaatii

 

Irra keessa

 

  1. Yandee irra keessaa fi isa jalaa hanga tokko

  2. Xannachaalee quncee yandee gadi fagoo ni baraaramuu?{dype lag av dermis utspart(kjertelstrukturer)}

  3. Xofxofiilee bishaan kuusan. Gogaan ni diimaata, ni jiidha, ni dhukkuba

  4. Marsaan dhiigaa tolaa yookiin sarmaa dha

 

Gadi fagoo(dype)

 

  1. Qunceelee irra gadi fagoo yandee gogaas in haammata, subbiin(korjoo) rifeensaa fi xannachaaleen ni miidhaman

  2. Gugaan gubatee fi diimaate bishaan kuufate qaba

  3. Naannoon gubate dhukkubbii fi dhiitina qaba

  4. Gogaan irra keessaa gubate irra dhukkubbii xiqqoo qabaachuu

  5. Marsaa dhiigaa tolaa yookiin tolaa irraa xiqqoo gadi ta’e qabaachuu.

 

Fakkoo armaan gadii ilaala

 

 

 Sadarkaa 3ffaa

 

  1. Qunceelee gogaa hundaa qabaata yookaan haammata, hanga radee dabalatutti. Dhabbataaleen yandee fi huwwisa gogaa hundaa ni miidhamu. Gogaan ni goobata, goga akkasuma akka raroo jajjabaataa dha. Gogaan gurrachaa, dhiilgee(erythematous), daalifaa(pale), adii yookaan diimaa tahuu ni mala. Yoo diimate bifi diimaa ta’e kun gadi qabamuu irratti xooxaree hin daalifu.(if redenned, it does not blunch on pressure).

  2. Kabaan gogaa bishaan naqate haphii dha

  3. Dhukkubbii fi qeeqqati hin jiru(no pain and sensation)

  4. Marsaan dhiigaa ni dhabama

 

Fakkoo armaan gadii ilaala

Sadarkaa cimaa(4ffaa)

 

Herrega hamaa yookaan ballina miidhama gubaatii

 

Dambiilee sagal (rules of nine)

 

Fakkoo fi gabatee armaan gadii ilaala

 

Sadarkaa cimaa

 

v    Ijoollee

 

  1. Cimaa xiqqaa yookaan salphaa: gogaan harka dhibba keessaa harki kudhan ni miidhama

  2. Giddu galeessa(moderate): Harka dhibba keessaa harka 10 hanga 15

  3. Cimaa: Harka dhibba keessaa harka 15 hanga 15 ol

 

v    Gaheessa

 

  1. Cima xiqqaa : Gogaan harka dhibba keessaa harka 15 gadi gubachuu

  2. Giddu galeessa: Gogaan harka dhibba keessaa harka 15 hanga harka 20 gubachuu

  3. Cimaa : Gogaan harkaa dhibba keessaa harka 30 ol gubachuu

 

Giddu galeessa yookaan ciminni miidhamaaleen gubaatii kan haammatan

 

Miidhamina fuulaa, harkootaa, miillaalee yookaan faana keessa, miidhaalee buusaalee gurguddaa irra dabran yookaan hiixatan miidhaalee amartii arfachaalee waliin gahe yookaan naanna’e miidhe.( burn injuries that include the circumference of the extremities)

 

Hubachiisaa:

 

Herregi dugudeelee(regions) gubaatii sadarkaa 1ffaa ballinaa fi cimina gubaatii hin herregu.

 

Eenyutu hoospitalatti wal’aansa fayyaa argachuu qaba?

 

  1. Ijoollee umriin isaanii waggaa lamaa gadi. Miidhaa xiqqoo as gali hin jedhame yoo tahe iyyuu.

  2. Yoo akka malee wal’aansi ijoollee ni jiraata jedhamee shakkame(if there is doubt of mishandling  of the injured children)

  3. Miidhaalee irra gadi fagoo harkotaa, miillaalee, qaama hormaataa fi fuula ballinni miidhamee illee hedduu xiqqaa tahe illee

  4. Miidhaalee gurguddoo

  5. Yoo dhukkubsataan dhangala’aa qaama isaa keessaa bahuun afaaniin bakka buusuu hin danda’u ta’e.

  6. Miidhaalee sadarkaa 3ffaa yookaan sadarkaa 4ffaa ballina qaamaa harka dhibba keessaa harka 3 ol ta’e.

  7. Miidhaalee gubaatii marsaa dhiigaa bala’a irraan ga’anii fi kan gurmuu dhibee yookkiin sirnaalee kutaalee qaamaatti guddisuu danda’an

  8. Miidhaalee elektirikiin ta’an

  9. Miidhaalee gubaatii dulloomtota irra gahe

  10. Miidhaalee gubaatii namoota ittisi yookaan firrisi isaanii gadi ta’e yookiin  hirrate.

  11. Miidhaalee gubaatii dhukkubsattoota dhukkuba turaa yookaan guboo qaban(sirna yookiin hiqa marsaa dhiigaa – onnee fi kan kanatti hidhatan)

  12. Yoo hangam ciminnii fi gadi fageenyi miidhaalee gubaatii irratti shakkiin jiraate, ciibsanii herreguuf gara mana wal’aansa fayyaatti erguun ni danda’ama.

 

D.   Eda’ama Qormaataalee

 

§         Calaqqee qomaa:

 

  1. Aara ho’aaf saaxila bahinsa keessatti

  2. Do’ita laagada qilleensaa yookaan daandii qilleensaa- shakkiin miidhaalee aaraa yoo jiraate.

  3. Yoo shakkiin balaalee addaa jiraate suuraa moggaasaa biraa tahu gochuu.

 §      Qormaata dhiigaa  

 

 Qorannoo dhiigaa idilee, albuudaalee fi burqataa [(albumin)] dabalatee

 

E.   Wal’aansa

 

   I.  Gargaarsa duraa

 

  1. Gubaatii dhaabuu

  2. Qabaneessuu

 

Gubaatiin tahee yoo gargaarsi duraa daqiiqaa 20 keessatti godhame gargaarsi duraa bakka yaadame ga’a. Daqiiqaa 20f bishaan ho’inni isaa sentii gireedii 15 ta’e keessatti cuubuu yookiin bakka gubate irratti dhangalaasuu. Ijoollee keessatti bishaan sentii gireedii 28 gadi qabanaa’uu hin qabu. Bishaanni wanneen(uffatafaa) qaama irratti gubatan qaama irraa akka salphaatti baasuuf gargaaras. Dhukkubbii fi dhiitina xiqqeessa.

 

 II.  Fura dhukkubbii

 

  1. Qabeneessuu fi qaama gubaatiin miidhame aguuguun fura dhukkubbii kenna.

  2. Paraasetamoolii kennuu

  3. Qorichaalee faallaa follocaa(inflammatory) steerrooyidii hin taanee

  4. Ophiyaamota(opiums)

  5. Madaa wal’aanuuf faallaa dhukkubbii gahaa keennuu

 

Bakka gubaatiin miidhe aguuguuf

 

  1. Maatifiilmii(pilaastfoolii)

  2. Formoolii – Akeeki bakka gubate formooliin aguuguu dhabiinsa yookiin bahinsa hohina qaamaa irraa ittisa

 

Itti dabala wal’aansa miidhaa gubaatii guddaa

Xiqqaatee yoo xiqqaate hidda dhiigaa dhiiga deebisaa(vein) keessaan wal’aansa jalqabuu

Wal’aansa bulbula’an yookaan dhangala’an kennamu – riingersi laakteetii yoo tahe filatama

 

Barbaachisaan dhangala’a akeeka Parklandiin herregama

 

Ujummoo pilaastikaa hafuuffee fincaanii keessa galchuu – kaleen sa’aatiitti fincaan hagam akka baasu safaruu. Galiin isaa sa’a tokkotti fincaan milii litirii 30 hanga 60 akka argamuu dha. Miidhaalee gubaatii elektirii vooltii guddaa ta’u keessatti sa’aatii tokko keessatti fincaan milii litirii 100 baasuu.

 

Qormaata dhiigaa akka armaan ol jedhame godhuu.

 

Shakkii miidhaalee aaraa yookaan gubaatii liqimsituu/qa’a lubbuu(larynx) keessatti ujummoo galchuuf qophii godhuu. Summii yookaan afaree(poison) karboon monoo-oksaayidiif dhangistuu(O2) kennuu. Tarii meeshaa hafuura kennaatiin qilleensa dhiibanii kennuu. Yoo elektiriika vooltii guddaa qabuun miidhaan gahe sararrii onnee(electrocardiography) gochuu.

 

Akka akeeka Paarklanditti dhangala’a yookaan lolaasaa(infusion) barbaachisu

 

Nama guddaa yookiin gaheessa fi ijoollee ulfinni qaamaa isaanii kiiloo giraamii 30 ol ta’aniif:-

 

Ballina qaama gubate dhibba keessaa harka tokkoof ulfina qaamaa kiiloo giraamii tokkotti dhangala’a yookiin lolaasa milii litirii 4tu kennama. Akka kanaan herregaamee sa’a 8 isa duraa keessatti wallakkaan dhangala’aakka armaan oliitti herregame kennamee wallakkaan inni  hafe ammoo sa’a 16 isa hafe keessatti kennama.

 

Ijoollee ulfinni qaama isaanii kiiloo giraamii 30 gadii

 

Ballina qaama gubatee dhibba keessaa harka tokkoof ulfina qaamaa kiiloo giraamii tokkootti dhangala’a milii litirii 3 fi dhangala’a hundee(3ml/percent/kilogram body weight +basic fluid) barbaachisaa ta’etu kennama.

 

Ulfina qaamaa kiiloo giraamii 10 gadiitiif

 

Sa’a 24 keessatti ulfina qaamaa kiiloo giraamii tokkotti dhangala’a milii litirii 100tu kennama.

 

Ulfina qaamaa kiiloo giraamii 10 hanga 20tiif sa’aa24 keessatti milii litirii 1000 fi ulfina qaamaa kiiloo giraamii 10 ol garuu itti dabala ulfina qaamaa tokkotti dhangala’a milii litirii 50 kennuu

 

Ulfina qaamaa kiiloo giraami 20 hanga 30f sa’a 24 keessatti milii litirii 1500 fi ulfina qaamaa 20 ol itti dabala kiiloo giraamii tokkotti dhangala’a milii litirii 20 kennuu.

 

Kennaan dhangala’a erga fincaanni sa’atiitti milii litirii 30-60 ba’ee ni tohatama jechuun akka hin baayyannee fi hin xiqqaannetti ni tohatama jechuu dha.

 

Ijoollee keessatti:- Sa’atii tokkotti ulfina qaamaa kiiloo giraamii tokkotti fincaan milii litirii tokkotu finca’ama.

 

Wal’aansa

 

Kutaa hoospitaalaa bakka miidhamtootii gubaatii ciisanitti kan ergamuu qaban(Haukeland)

 

1.      Ijoollee umriin isaanii waggaa lamaa gadi

2.   Ijoollee umriin isaanii waggaa lamaa ol qaamii isaanii harka dhibbaa keessaa harka 10 ol yoo gubate

3.    Gaheessa keessatti qaamii isaanii harka dhibba keessaa harka 15 ol yoo gubate

4.    Harkoota/ naannoo qaama hormaataa fi fuulli gadi fageenyaan irratti gubaatiin yoo jiraate.

5.    Miidhaa gubaatii elektira voolteejii guddaan yoo raawwate.

 

Wal’aansa madaa

 

Gubaatii sadarkaa 1ffaa

 

Wal’aansa murtaa’e hin barbaachisu. Dibata coomaa fi jiidhina qabu dibuun gogaaf gaarii dha. Tarii dibata haadiroo kortiisonii ni barbaachisa ta’a.

Wal’aansa gubaatii haaraa

 

  1. Sirna qulqulla’aa

  2. Dhiqa qulqulla’aa

  3. Dandoo goga’aa(skin crust) irraa kaasuu, qonyisa irraa kaasuu, gogaa bishaan kuufate huranii bishaan dhangalaasuu lafa tajaajilli fayyaa gahaan kennamutti.

 

Gubannaan gadi fageenyaa yoo shakkame:- Madaa irra jeelonetti(vaasiliiniin) gadi qabani irra ka’uu(vaasiliinii adii jala kaa’uun). Madaa irratti dhiibbaa bishaan soogiddaan godhuu. Mesoorb(mesorb) gasara(bandage) madaa keessaa dhangala’a xuuxu irra kaa’uu.

 

Hubachiisa:

 

Naannoo gubaatii sadarkaan isaa hin beekamnetti qoricha filaamaazinii gochuu dhiisuu

 

Guyyaa 2ffaa fi guyyaa 3ffaatti ballinaa fi gadi fageenya gubaatii qulqulleeffachuu.

 

Miidhama gubaatii quncee gogaa mirkanaa’ee keessatti fakkeenyaaf:

 

Madaa gubbaatti gasaroo meetii qabu(silver bandage)tiin (akuwaaseel Ag) yookiin aktiikootiin(acticoat)iin kallattiin huwwisuu. Isa irratti ammoo gasaroo dhangala’a xuuxu gochuu. Akuwaaseelii Ag hanga guyyaa 14tti irra taa’uu ni danda’a

 

Ennaa madaan fayyu godaanisa fokkataa akka hin uumneef waggaa tokkoof aduutti baasuu dhiisuu(kallattiin akka aduun itti hin baane gochuu).

 

Galiin Wal’aansaa

 

  1. Saaxilama madaa gubaatii kulkulaaf tahu hirrisuuf

  2. Cufuu madichaa dhaabbataan argachuuf akka madaan gara gadi fageenyaan hin guddanneef dhuwwuudhaaf.

 

Gubaatii sadarkaa 2ffaa

 

Gadi fageenyaaf kan gubate:- Kukkutuun(excision) yookiin geeddara gogaa(skin graft or skin transplantation) gochuu.

 

Gubaatii sadarkaa 3ffaa

 

Murmuruun yookaan kukkutuun tarii geeddara gogaa gochuu. Yoo xinnoo ta’e filaamaaziniin wal’aanuu, takasha yookiin gadi qabuu irraan, gadi qabaa goggogaa(dry compress) hanga hundeen madaa qulqullaa’utti guyyaa guyyaan madaa soneessuu.

 

Tahumsa garamii(prognosis)

 

Fayyina ykn dhina

 

Gubaatii sadarkaa 1ffaa:- Gadaannisa malee fayya.

 

Gubaatii sadarkaa 2ffaa:- Gubaatii irra kukulli madaa yoo hin jirre tahe yookiin gufata(complication) kulkulaa yoo hin qabaanne tahe utuu godaannisa hin uumin bultii 10 hanga 14 keessatti fayya. Gubaatiin 2ffaa gadi fageenya(deeper 2nd degree burn) fayyuuf torban 3 caalaa fudhata. Godaannisa uuma.

 

Gubaatii sadarkaa 3ffaa:- Godaannisa shunkuurrate godhatee fayya. Godaannisa xiqqeessuuf geeddara gogaa ykn erbeessuu yookiin murtee(baqaqsa) muuxxee(plastic surgery) gochuun barbaachisaa ta’a.

 

Gubaatii sadarkaa 4ffaa:- Itti bahinsa gadhee godhata. Dhaabbataalee irra gadi fagoo(boollangoo) haalaan miidha.

 

Xumura

  1. Itti bahinsa gaarii argachuuf gubaatii keessatti gargaarsa duraa gaariin eegaluu.
  2. Hakiimotaa fi wal’aansa fayyaa kennitootaaf waan gubaatii ilaalu irratti beekumsaa fi muuyxannoo akka horatan gochuun bu’a qabeessaa fi barbaachisaa dha.
Copyright ® 2006 OHPA
  Home            Membership       Current Projects        Activities         Contacts 

  HOME

MEMBERSHIP

PROJECTS

ACTIVITIES

CONTACT

WALDAA OGEEYYII FAYYA OROMOO (WOFO)
OROMO HEALTH PROFESSIONALS ASSOCIATION