|
Guba ykn Gubaatii
Caasuu ykn karooruu(outline)
-
Tahinsa
-
Sababaalee
-
Ulaagaalee
moggaasaa(diagnostic criteria)
-
Eda’ama
qormaataalee(supplemenary investigation)
-
Wal’aansa
-
Tilmaama itti
bahinsaa(prognosis)
-
Xumura
A.
Tahinsa
Sababaalee
miidhamaalee gubaatiin ummatni miliyoonin tokko Ameriikaadhaa waggaattii
ni dhukkubsatu. Namooti 45,000 hoospitaala ciisu. Warra hospitaala ciisan
keessaa walkaan hospitaala addaa keessaa ciisu. Namoota miidhaalee
gubaatiin hubamana keessaa walkaan ijoolee dha. Noorweetti ammoo
sababaalee miidhaalee gubaatiin namooti 15,000 waggaatti gara
dhaabbataalee tajaajila fayyaa dhufu. Namoota kuma tokkoo gaditu
haspitaala ciisu, namoota 100 gadiitu hoosipitaala keessatti bakka addaa
keessa ciisu.
Yeroo baay’ee eenyu kan miidhaa gubaatiitti saaxilaman?
Hoggaayyuu
miidhaa gubaatiitti kan saaxilaman ijoollee umriin isaanii waggaa 1-5 dha.
Isaan kun yeroo baay’ee bishaan ho’aan miidhaamu.
Namoota umriin
isaanii waggaa 18-35 keessatti tahinsi gubaatii ol aanaa dha. Qoodi
miidhama gubaatii yookan du’aa dhiiraa fi dubartii lamaa ffi tokko(2:1).
Hedduun miidhamaleen gubaatii eessatti ta’u?
Hedduun isaa
manatti ta’uun isaa beekamaa dha.
B. Sababaalee
Ho’a
-
Ijoollee
keessatti gubina keessaa fi irra keessaa(ineternal and external) bishaan
ho’aan
-
Boba’aa
abiddaan
-
Wanneen ho’aa
ta’aniin(wanneen ho’ifamaniin)-Fakkeenyaaf
a)
Qilleensa ykn gaasii ho’aa ta’aniin
b)
Rigii(friction)
c)
Elektiraan
d)
Calaqqee (radiation) fi yookiin
raadiyooaktiiviin
e)
Keemikaalaan
C.
Ulaagalee
Moggaasaa
Miidhamaalee
abiddaa guddina yookiin ballinaa fi gadi fageenya isaatiin ibsama.
Gadi fageenyi
miidhamni abiddaa gubaatiin raawwatamee gaafa lamaa yookiin sadii irra
deebi’amee herregama. Gaafa guyyaa 1ffaa gadi fageenya gubaatii herreguun
rakkisaa dha yookiin cimaa dha.
Sadarkaan miidhaa gubaatii
Sadarkaan inni
duraa(1ffaa) – irra keessa gogaatti uggurama
Sadarkaa inni
lammaffaa – Huwwisa gogaa fi yandee dabalata(epidemis and dermis)
Sadarkaan
sadaffaa – Gubaatii yandee irraa fi jalaa(radee(subcutaneous) dabalatee
fullaasee keessa baha.
Sadarkaan 4ffaa
– Dhaabbataalee irra gadi gadi fagoo(boollangoo) kan akka maashaalee
yookiin go’aalee(muscles), puggiilee(tendons), ribuulee(nerves) fi
lafeelee dabalata.
Gubaatii sadarkaa 1ffaa
-
Yandee irra
keessaa(epidermis) yookin huwwisa gogaa
-
Gogaan ni
diimata, akkasuma dhukkubbiin guutama
-
Gogaan kuufata
bishaanii hin qabu(blisters)
-
Marsaa dhiigaa
tolaa yookiin sarmaa(normal) yookiin itti dabalaa dha
-
Qeeqqata tolaa
yookiin sarmaa qaba. (normal sensation)
Fakkoo armaan
gadii ilaala

Sadarkaa 2ffaa gubaatii
Irra
keessa
-
Yandee irra
keessaa fi isa jalaa hanga tokko
-
Xannachaalee
quncee yandee gadi fagoo ni baraaramuu?{dype lag av dermis
utspart(kjertelstrukturer)}
-
Xofxofiilee
bishaan kuusan. Gogaan ni diimaata, ni jiidha, ni dhukkuba
-
Marsaan
dhiigaa tolaa yookiin sarmaa dha
Gadi
fagoo(dype)
-
Qunceelee irra
gadi fagoo yandee gogaas in haammata, subbiin(korjoo) rifeensaa fi
xannachaaleen ni miidhaman
-
Gugaan gubatee
fi diimaate bishaan kuufate qaba
-
Naannoon
gubate dhukkubbii fi dhiitina qaba
-
Gogaan irra
keessaa gubate irra dhukkubbii xiqqoo qabaachuu
-
Marsaa dhiigaa
tolaa yookiin tolaa irraa xiqqoo gadi ta’e qabaachuu.
Fakkoo armaan
gadii ilaala

Sadarkaa
3ffaa
-
Qunceelee
gogaa hundaa qabaata yookaan haammata, hanga radee dabalatutti.
Dhabbataaleen yandee fi huwwisa gogaa hundaa ni miidhamu. Gogaan ni
goobata, goga akkasuma akka raroo jajjabaataa dha. Gogaan gurrachaa,
dhiilgee(erythematous), daalifaa(pale), adii yookaan diimaa tahuu ni
mala. Yoo diimate bifi diimaa ta’e kun gadi qabamuu irratti xooxaree hin
daalifu.(if redenned, it does not blunch on pressure).
-
Kabaan gogaa
bishaan naqate haphii dha
-
Dhukkubbii fi
qeeqqati hin jiru(no pain and sensation)
-
Marsaan
dhiigaa ni dhabama
Fakkoo armaan
gadii ilaala

Sadarkaa cimaa(4ffaa)
Herrega hamaa
yookaan ballina miidhama gubaatii
Dambiilee sagal (rules
of nine)
Fakkoo fi
gabatee armaan
gadii ilaala

Sadarkaa cimaa
v
Ijoollee
-
Cimaa xiqqaa
yookaan salphaa: gogaan harka dhibba keessaa harki kudhan ni miidhama
-
Giddu
galeessa(moderate): Harka dhibba keessaa harka 10 hanga 15
-
Cimaa: Harka
dhibba keessaa harka 15 hanga 15 ol
v
Gaheessa
-
Cima xiqqaa
: Gogaan harka dhibba keessaa harka 15 gadi gubachuu
-
Giddu
galeessa: Gogaan harka dhibba keessaa harka 15 hanga harka 20 gubachuu
-
Cimaa : Gogaan
harkaa dhibba keessaa harka 30 ol gubachuu
Giddu galeessa
yookaan ciminni miidhamaaleen gubaatii kan haammatan
Miidhamina
fuulaa, harkootaa, miillaalee yookaan faana keessa, miidhaalee buusaalee
gurguddaa irra dabran yookaan hiixatan miidhaalee amartii arfachaalee
waliin gahe yookaan naanna’e miidhe.( burn injuries that include the
circumference of the extremities)
Hubachiisaa:
Herregi
dugudeelee(regions) gubaatii sadarkaa 1ffaa ballinaa fi cimina gubaatii
hin herregu.
Eenyutu hoospitalatti wal’aansa fayyaa argachuu qaba?
-
Ijoollee
umriin isaanii waggaa lamaa gadi. Miidhaa xiqqoo as gali hin jedhame yoo
tahe iyyuu.
-
Yoo akka malee
wal’aansi ijoollee ni jiraata jedhamee shakkame(if there is doubt of
mishandling of the injured children)
-
Miidhaalee
irra gadi fagoo harkotaa, miillaalee, qaama hormaataa fi fuula ballinni
miidhamee illee hedduu xiqqaa tahe illee
-
Miidhaalee
gurguddoo
-
Yoo
dhukkubsataan dhangala’aa qaama isaa keessaa bahuun afaaniin bakka
buusuu hin danda’u ta’e.
-
Miidhaalee
sadarkaa 3ffaa yookaan sadarkaa 4ffaa ballina qaamaa harka dhibba
keessaa harka 3 ol ta’e.
-
Miidhaalee
gubaatii marsaa dhiigaa bala’a irraan ga’anii fi kan gurmuu dhibee
yookkiin sirnaalee kutaalee qaamaatti guddisuu danda’an
-
Miidhaalee
elektirikiin ta’an
-
Miidhaalee
gubaatii dulloomtota irra gahe
-
Miidhaalee
gubaatii namoota ittisi yookaan firrisi isaanii gadi ta’e yookiin
hirrate.
-
Miidhaalee
gubaatii dhukkubsattoota dhukkuba turaa yookaan guboo qaban(sirna
yookiin hiqa marsaa dhiigaa – onnee fi kan kanatti hidhatan)
-
Yoo hangam
ciminnii fi gadi fageenyi miidhaalee gubaatii irratti shakkiin jiraate,
ciibsanii herreguuf gara mana wal’aansa fayyaatti erguun ni danda’ama.
D.
Eda’ama
Qormaataalee
§
Calaqqee qomaa:
-
Aara ho’aaf
saaxila bahinsa keessatti
-
Do’ita laagada
qilleensaa yookaan daandii qilleensaa- shakkiin miidhaalee aaraa yoo
jiraate.
-
Yoo shakkiin
balaalee addaa jiraate suuraa moggaasaa biraa tahu gochuu.
§ Qormaata
dhiigaa
Qorannoo
dhiigaa idilee, albuudaalee fi burqataa [(albumin)] dabalatee
E.
Wal’aansa
I. Gargaarsa
duraa
-
Gubaatii
dhaabuu
-
Qabaneessuu
Gubaatiin tahee
yoo gargaarsi duraa daqiiqaa 20 keessatti godhame gargaarsi duraa bakka
yaadame ga’a. Daqiiqaa 20f bishaan ho’inni isaa sentii gireedii 15 ta’e
keessatti cuubuu yookiin bakka gubate irratti dhangalaasuu. Ijoollee
keessatti bishaan sentii gireedii 28 gadi qabanaa’uu hin qabu. Bishaanni
wanneen(uffatafaa) qaama irratti gubatan qaama irraa akka salphaatti
baasuuf gargaaras. Dhukkubbii fi dhiitina xiqqeessa.
II. Fura
dhukkubbii
-
Qabeneessuu fi
qaama gubaatiin miidhame aguuguun fura dhukkubbii kenna.
-
Paraasetamoolii kennuu
-
Qorichaalee
faallaa follocaa(inflammatory) steerrooyidii hin taanee
-
Ophiyaamota(opiums)
-
Madaa
wal’aanuuf faallaa dhukkubbii gahaa keennuu
Bakka
gubaatiin miidhe aguuguuf
-
Maatifiilmii(pilaastfoolii)
-
Formoolii –
Akeeki bakka gubate formooliin aguuguu dhabiinsa yookiin bahinsa hohina
qaamaa irraa ittisa
Itti
dabala wal’aansa miidhaa gubaatii guddaa
Xiqqaatee yoo
xiqqaate hidda dhiigaa dhiiga deebisaa(vein) keessaan wal’aansa jalqabuu
Wal’aansa
bulbula’an yookaan dhangala’an kennamu – riingersi laakteetii yoo tahe
filatama
Barbaachisaan dhangala’a akeeka Parklandiin herregama
Ujummoo
pilaastikaa hafuuffee fincaanii keessa galchuu – kaleen sa’aatiitti
fincaan hagam akka baasu safaruu. Galiin isaa sa’a tokkotti fincaan milii
litirii 30 hanga 60 akka argamuu dha. Miidhaalee gubaatii elektirii
vooltii guddaa ta’u keessatti sa’aatii tokko keessatti fincaan milii
litirii 100 baasuu.
Qormaata dhiigaa akka armaan ol jedhame godhuu.
Shakkii
miidhaalee aaraa yookaan gubaatii liqimsituu/qa’a lubbuu(larynx) keessatti
ujummoo galchuuf qophii godhuu. Summii yookaan afaree(poison) karboon
monoo-oksaayidiif dhangistuu(O2) kennuu. Tarii meeshaa hafuura kennaatiin
qilleensa dhiibanii kennuu. Yoo elektiriika vooltii guddaa qabuun miidhaan
gahe sararrii onnee(electrocardiography) gochuu.
Akka akeeka Paarklanditti dhangala’a yookaan
lolaasaa(infusion) barbaachisu
Nama guddaa
yookiin gaheessa fi ijoollee ulfinni qaamaa isaanii kiiloo giraamii 30 ol
ta’aniif:-
Ballina qaama
gubate dhibba keessaa harka tokkoof ulfina qaamaa kiiloo giraamii tokkotti
dhangala’a yookiin lolaasa milii litirii 4tu kennama. Akka kanaan
herregaamee sa’a 8 isa duraa keessatti wallakkaan dhangala’aakka armaan
oliitti herregame kennamee wallakkaan inni hafe ammoo sa’a 16 isa hafe
keessatti kennama.
Ijoollee ulfinni qaama isaanii kiiloo giraamii 30 gadii
Ballina qaama
gubatee dhibba keessaa harka tokkoof ulfina qaamaa kiiloo giraamii
tokkootti dhangala’a milii litirii 3 fi dhangala’a
hundee(3ml/percent/kilogram body weight +basic fluid) barbaachisaa ta’etu
kennama.
Ulfina
qaamaa kiiloo giraamii 10 gadiitiif
Sa’a 24
keessatti ulfina qaamaa kiiloo giraamii tokkotti dhangala’a milii litirii
100tu kennama.
Ulfina qaamaa
kiiloo giraamii 10 hanga 20tiif sa’aa24 keessatti milii litirii 1000 fi
ulfina qaamaa kiiloo giraamii 10 ol garuu itti dabala ulfina qaamaa
tokkotti dhangala’a milii litirii 50 kennuu
Ulfina qaamaa
kiiloo giraami 20 hanga 30f sa’a 24 keessatti milii litirii 1500 fi ulfina
qaamaa 20 ol itti dabala kiiloo giraamii tokkotti dhangala’a milii litirii
20 kennuu.
Kennaan
dhangala’a erga fincaanni sa’atiitti milii litirii 30-60 ba’ee ni tohatama
jechuun akka hin baayyannee fi hin xiqqaannetti ni tohatama jechuu dha.
Ijoollee
keessatti:- Sa’atii tokkotti ulfina qaamaa kiiloo giraamii tokkotti
fincaan milii litirii tokkotu finca’ama.
Wal’aansa
Kutaa
hoospitaalaa bakka miidhamtootii gubaatii ciisanitti kan ergamuu
qaban(Haukeland)
1.
Ijoollee umriin isaanii waggaa lamaa gadi
2. Ijoollee
umriin isaanii waggaa lamaa ol qaamii isaanii harka dhibbaa keessaa harka
10 ol yoo gubate
3. Gaheessa
keessatti qaamii isaanii harka dhibba keessaa harka 15 ol yoo gubate
4. Harkoota/
naannoo qaama hormaataa fi fuulli gadi fageenyaan irratti gubaatiin yoo
jiraate.
5. Miidhaa
gubaatii elektira voolteejii guddaan yoo raawwate.
Wal’aansa madaa
Gubaatii sadarkaa 1ffaa
Wal’aansa
murtaa’e hin barbaachisu. Dibata coomaa fi jiidhina qabu dibuun gogaaf
gaarii dha. Tarii dibata haadiroo kortiisonii ni barbaachisa ta’a.
Wal’aansa gubaatii haaraa
-
Sirna
qulqulla’aa
-
Dhiqa
qulqulla’aa
-
Dandoo
goga’aa(skin crust) irraa kaasuu, qonyisa irraa kaasuu, gogaa bishaan
kuufate huranii bishaan dhangalaasuu lafa tajaajilli fayyaa gahaan
kennamutti.
Gubannaan gadi fageenyaa yoo shakkame:-
Madaa irra
jeelonetti(vaasiliiniin) gadi qabani irra ka’uu(vaasiliinii adii jala
kaa’uun). Madaa irratti dhiibbaa bishaan soogiddaan godhuu.
Mesoorb(mesorb) gasara(bandage) madaa keessaa dhangala’a xuuxu irra
kaa’uu.
Hubachiisa:
Naannoo gubaatii
sadarkaan isaa hin beekamnetti qoricha filaamaazinii gochuu dhiisuu
Guyyaa 2ffaa fi
guyyaa 3ffaatti ballinaa fi gadi fageenya gubaatii qulqulleeffachuu.
Miidhama
gubaatii quncee gogaa mirkanaa’ee keessatti fakkeenyaaf:
Madaa gubbaatti
gasaroo meetii qabu(silver bandage)tiin (akuwaaseel Ag) yookiin
aktiikootiin(acticoat)iin kallattiin huwwisuu. Isa irratti ammoo gasaroo
dhangala’a xuuxu gochuu. Akuwaaseelii Ag hanga guyyaa 14tti irra taa’uu ni
danda’a
Ennaa madaan
fayyu godaanisa fokkataa akka hin uumneef waggaa tokkoof aduutti baasuu
dhiisuu(kallattiin akka aduun itti hin baane gochuu).
Galiin Wal’aansaa
-
Saaxilama
madaa gubaatii kulkulaaf tahu hirrisuuf
-
Cufuu madichaa
dhaabbataan argachuuf akka madaan gara gadi fageenyaan hin guddanneef
dhuwwuudhaaf.
Gubaatii sadarkaa 2ffaa
Gadi fageenyaaf kan gubate:-
Kukkutuun(excision) yookiin geeddara gogaa(skin graft or skin
transplantation) gochuu.
Gubaatii sadarkaa 3ffaa
Murmuruun
yookaan kukkutuun tarii geeddara gogaa gochuu. Yoo xinnoo ta’e
filaamaaziniin wal’aanuu, takasha yookiin gadi qabuu irraan, gadi qabaa
goggogaa(dry compress) hanga hundeen madaa qulqullaa’utti guyyaa guyyaan
madaa soneessuu.
Tahumsa garamii(prognosis)
Fayyina ykn
dhina
Gubaatii sadarkaa 1ffaa:-
Gadaannisa malee
fayya.
Gubaatii sadarkaa 2ffaa:-
Gubaatii irra
kukulli madaa yoo hin jirre tahe yookiin gufata(complication) kulkulaa yoo
hin qabaanne tahe utuu godaannisa hin uumin bultii 10 hanga 14 keessatti
fayya. Gubaatiin 2ffaa gadi fageenya(deeper 2nd degree burn) fayyuuf
torban 3 caalaa fudhata. Godaannisa uuma.
Gubaatii sadarkaa 3ffaa:-
Godaannisa
shunkuurrate godhatee fayya. Godaannisa xiqqeessuuf geeddara gogaa ykn
erbeessuu yookiin murtee(baqaqsa) muuxxee(plastic surgery) gochuun
barbaachisaa ta’a.
Gubaatii sadarkaa 4ffaa:-
Itti bahinsa
gadhee godhata. Dhaabbataalee irra gadi fagoo(boollangoo) haalaan miidha.
Xumura
-
Itti bahinsa
gaarii argachuuf gubaatii keessatti gargaarsa duraa gaariin eegaluu.
-
Hakiimotaa fi
wal’aansa fayyaa kennitootaaf waan gubaatii ilaalu irratti beekumsaa fi
muuyxannoo akka horatan gochuun bu’a qabeessaa fi barbaachisaa dha.
|