Barrefanno fayyaa

  Guba ykn gubaati

  Fayyaa I

  Fayyaa II

  Dhukuba busaa

  Dhukuba xannee

   Garaa kaasaa

  Qoricha malee

  Qulqullina nyaata
   Tasiboo
  Qaama Gubaa
  Golfaa
  Burn
  Unconciousness
  Being chocked
  Nyaata (Nutrition)
Your comment on the site

 

 

 

 

Nyaataa fi Hirina  Nyaataa
(Nutrition and malnutrition)

Biyyoota dagaagaa jiran keessatti hirina nyaataa irraan kan ka’e ijoolleen hedduun dhukkuba hirina nyaataa fi sababiii kanaan dhukkuba adda addaatti saaxilamanii ykn sababa dhukkuba adda addaan dhukkuba hirina nyaatattis saaxilamuun lubbuu isaanii dhabu. Hirina nyaataan dhukkuboota dhufan keessaa gurguddoon akka kanaan gadiiti.

 

Walumaa galatti nyaata gadhee nyaata ijaaraa qaamaa fi nyaata humneessa qaamaati(protein energy malnutrition). Sababi dhukkuba hammaataa nyaata gadhee mataan isaa nyaata ammaataa(nyaata wal hin qixxaanne) nyaachuu irraan kan ka’e ta’uu ni danda’a ykn dhukkuba biraa irraan kan ka’e nyaachuu dadhabu irran kan ka’e ta’uu ni danda’a ykn dhukkuba gara biraa irraan kan ka’e marrummaan gara dhanna keessatti nyaata nyaatame xuuxee gara dhiigaatti dabaluu dadhabuu fi ykn dhukkuba irraan kan ka’e nyaata nyaatame qaammi utuu itti ma’ayyi hin bahin lafattii balleesuu irraan kan ka’e ykn waan adda addaatiif humna waan barbaachisuuf nyaata barbaachisu dhabuu dhaan kan dhufuu dha.

 

Nyaata gadhee ijaaraa qaamaa fi humneessa qaamaa(protein-energy malnutrition) biyyoota dagaagaa jiran keessatti dhukkuboota hirina nyaataan dhufan keessaa isa ol aanaa dha. Addunyaa irraatti warra ijoollee dhukkubsanii fi ajjeesan keessaa kan dursan keessaa hirinni nyaataa isa tokko.

 

Nyaata hamaa(gadhee) ijaaraa qaamaa fi humneessa qaamaa(protein-energy malnutrition)

  • haaklota lolaa,

  • jeequmsa hawaasaa,

  • hiyyuma, doofummaa,

  • dhukkuboota dadarbaa fi

  • wal caalina raabsa minaanii wajjin walitti hidhata qaba.

 

 Kanaaf adduynaa irratti hawaasa tokko keessatti:

  • beela’uun ijoollee fi waan beelli fiduun ijoolleen guddinaa fi dagaagina dhabuun,

  • naannoo ykn urgee ummataa jeequu

  • ummatni naannoo ykn urgee gaarii keessa akka hin jiraanne godhu fi

  • ummatni dinagdee hawaasummaa fi siyyaasa keessatti qooda akka hin fudhanne dhorkuun dhufa.

 

Dhukkubi ammaa(acute) ykn guboo(turaa) gara nyaata hamaa(gadheetti)(malnutrition) nama fiduu ni danda’a, yoo irra ture guddina ijoollee hubuu ni danda’a. Yoo sababi nyaata hamaa ykn gadhee(malnutrition) dhukkuba afuura baafachuu gad qabu(respiratory distress) layyidaa ykn dhanna gubaa, fayyuu madaa ykn hammeenya nyaata marrummaan keessaan xuuxamuuf humna barbaachisu irraan yoo dhufe iyyuu dhukkubi hirina nyaataa nyaata nama tokkoof barbaachisu hirrachuu irraan kan dhufu.

 

Naannoo mudhii lafaa keessatti namooti nyaata gahaa waan hi nyaanneef dhukkubooti hirina nyaataa irraan kan dhufan beekamoo dha. Ijoolleen naannoo qulqullina hin qabne keessa jiraatan dhukkuba garaachoo-marrummaaniin marmaaranii(dedeebi’anii) qabamu. Kun ammoo nyaata isaan nyaatan keessaa waan qaama isaaniif barbaachisu marrummaan isaanii gara dhiigaatti xuxxuu hin danda’u. Kun ammoo madaala minaan guddinaa fi dagaagina qaamaaf ta’uuf nyaatamuu fi kan kana irraa hafe gara alaatti bahuuf malu jallisee baayyeen isaa akka alatti gadi ba’u godhuudhaan guddinni fi dagaagginni mucaa sanaa akka booddeeti hafu godha. Ijoolleen dhukkuba akkasii irraa hafan guddina fi dagaagina isaanii booddeetti hafe kana iddoo buufachuu waan hin dandeenyeef ogguu nama guddaa ta’ani quucaroo ta’anii hafu. Yoo hirina nyaataa qabaatan dhalootaan kan qaammi keenya nyaata irraa ittisa dhukubaa oomishu waan hanqatuuf qaammi ijoollee kanaa raammotan(baakteeriyaa) guutamee dhukkubi raammota kanaan dhufan marmaaranii dhukuba bala’amaa uumu.

 

Ijoolleen baayyeen kan naannoo ykn urgee jermoota adda addaan baayyee makamee jiru keessa jiraatan jarmoota kana of irraa dhorkuuf qaammi isaanii yeroo dheeraaf akka ittisa dhukkubaa oomishuuf ni xuxuqamu(c- reactive protein, fibrinogen, acd x-glycoprotein, and others). Ittisa dhukkubaa(acute- phase proteins) kana oomishuuf qaammi isaanii nyaata ijaaraa dhannaa ayina tokko barbaachisaa dhangaggoo amayinoo kan jedhamu(essential amino acids) barbaachisa. Kun ammoo lafa hirinni nyaataa jirutti waan hin jirreef iddoo isaa bakka buusuuf cacabina irree(muscles) fida)increased breakdown of skeletal muscle protein). Kun ammoo guddina mucaa sanaa dhowwa.

 

 Biyyoota dagaagaa jiran keessatti kan itti ma’ayii bahuu nyaataa hubu wal makina nyaata ummata biyyoota sanaa ti. Kan jechuun minaannoti nyaataaf ta’ani tokko kan akka minaannota biyya keenyaa kan qaama keenyaaf ta’an albuudota marrummaaniin xuuxamanii gara dhiigaatti akka hin dabalamne kan godhu(phytate) waan of keessaa qabaniif isaan  duwwaa nyaachuun hirina albuudota kanaa fidu. Hirinni vitaaminootaas akkasuma ni jiraata keesumaa mooraa kolgaltootaa fi ummata beelli rukute keessatti. Hirinni sibiilaa aadunyaa irratti hirina nyaataa keessatti warra beekamu keessaa isa angafaati. Hirinni kun hirina vitaamin B12 fi dhangaggoo foolikii kan jedhamuu wajjin ijoollee fi dubartoota ulfa keessatti ballinaan hirina sibiilaa ta’ee argama.

 

Hirinni nyaata humneessa qaamaa fi hirinni nyaata ijaaraa qaamaa yoo walumaan ta’anii nama tokko irratti argaman iyyuu ykn hirinni  nyaata ijaaraa dhannaa(protein deficient state) ykn hirina nyaata humneessa dhanna( primary energy deficient state) inni tokko isa kaan irra caalaa ta’ee argama. Hirinni nyaata ijaaraa dhannaa Kwaasharkoor jedhama. Kana jechuun akka hiika afaan hawaasa tokko biyya Gaanaa keessa jirutti(Ga tribe) dhukkuba mucaa of irraa gataniiti ykn of irraa gadhiisaniiti. Walumaa galatti dhukkuba mucaa akkuma tasaa harma guusaniiti jechuudha. Bara 1950 keessa maqaan 40 kennameeraaf.

 

Sababoota dhukkuba hirina nyaata ijaaraa qaamaa fi hirina nyaata humneessa qaamaa(etiology of  protein- energy malnutrition-PEM)

 

1   Hirina nyaata haadhaa(maternal malnutrition)kun hirina mucaa gadameessa haadhaa keessatti fi mucaan ogguu dhalatu ulfina qaamaa xiqqoon dhalachuu. Erga dhalatees guddina mucaaf kan ta’u nyaata gahaa dhabuu. Nyaata hirina ijaaraa qaamaa fi hirina nyaata humneessa qaamaa qabu mucaaf kennuu. Fakkeenyaaf aannanitti bushaan baayyisanii naquu fi kuduraa baayyee akka mucaan nyaatu gochuun garaan mucaa sanaa akka guutu waan godhuuf mucaan kun nyaata guddina issaaf ta’u gahaa akka hin arganne isa godha. Nyaati nyaata ijaaraa qaamaa gahaa hin qabnee fi nyaata humneessa qaamaa baayyee qabu dhukkuba qaama hiitessaa(Kwaashorkoor) fida.

 

2   Dhukkuba dadarbaa(infectious diseases)- Isaan kun:

 

 ► dhukkuba hirina nyaata ijaaraa qaamaa fi nyaata humneessa qaamaa akka dhufuu fi akka mumallatu godhuuf qooda guddaa qaba(These are major contributing and precipitating factotrs in PEM).

 

► dhukkubooti garaa kaasaa, gifirri, AIDS, Tb, busaa fi kan biroo fedhii nyaachuu cufuu,

 

► balaqamsiisuun xuuxamuu nyaataa marrummaaniitiin ta’u hubuun akkasuma yeroo dhukkubaa qaammi akka hirratu gochuun( increased catabolism) madaala nyaata ijaaraa qaamaa fi nyaata humneessa qaamaa karaa irraa kaachisuun dhukkuba hirina ijaaraa qaamaa fi nyaata humneessa qaamaa fidu.

 

3  Qooda hawaasummaa fi dinagdee:

 

  • Sababa argammi minaanii gad tahuun(xiqqaachuun),

  • haala naannoon ykn urgeen gobbina namaan guutamee fi qulqullina dhabuun,

  • akkasuma hirina tajaajila ijoolleef kennamu irraan kan ka’e hiyyummi hirina nyaata ijaaraa qaamaa fi hirina nyaata humneessa qaamaa wajjin walitti hidhata qaba.

 

 Doofummaan gara:

  • hiyyuma shaakala ijoollee guddisuutti,

  • nyaata tokko tokkotti dhimma bahuuf yaada sirrii hin taane akka qabaatan,

  • yeroo dhukkubaa tartiiba nyaachisuu gahaa hin taane akka hordofan fi

  • miseensota maatiif raabisa nyaataa sirrii hin taane akka godhanitti nama geessa.

 

 Shaakala harma guusuu gahaa hin taane wajjin walitti qabatee shaakalaa fi yeroo harma hoosisuun gabaabbatu dhukkubi hirina nyaata ijaaraa qaamaa fi hirina nyaata humneessa qaamaa(PEM) caalaatti akka dabalu godha

 

Rakkinni hawaasaa fakkeenyaaf:

  • ijoollee joonjessu(ijoolleetti xabachuu)(child abuse),

  • haadha waakkachuu(maternal deprivation),

  • ijoollee dhiisanii baduu,

  • machooftuu tahuu fi qoricha akka malee fudhachuun gara dhukkuba hirina nyaata ijaaraa qaamaa fi hirina humneessa qaamaatti(PEM) geessa.

 

 Akkasuma shaakalli aadaa fi hawaasa keessa jiru kan akka:

 

  •  ayina minaan tokko tokko nyaachuu dhowwuu fi nyaachuun isaa akka hirmiitti ilaalamu,

 

  • akkasuma ummata baadiyyaa gara magaalaatti galanii magaala keessa bakka qulqulluu hin taane jiraatan keessatti dhukkubi hirina nyaata ijaaraa qaamaa fi hirina humneessa dhannaa(PEM) akka jiraatu uumuu ni danda’a.

 

4  Qooda naannoo ykn urgee:                    

  •  Gobbinni ummataa jiraachuu fi qulqullina dhabuun namootni dhukkuba dadarbaa ammaan(acute illness) dhukkufachuu fida. 

  • Gogina,

  • lola’a(flood),

  • lolaa(war) fi

  • humnaan bakka jiraatan irraa buqa’uun amartii haphina nyaataa akka tasaa(sudden) fi yeroo dheeraaf kan turu fidee hawaasa cufa keessatti dhukkuba hirina nyaata ijaaraa dhannaa fi hirina humneessaa dhannaatti(PEM) geessuu ni mala. Yoo qonna’a irraa oomishi baayyeen argame iyyuu, kuusi minaanii gadhee ta’e akkasuma walgala(system) minaan raabsu gahaa hintaane dhukkuba hirina nyaataa nyaata ijaaraa dhannaa fi hirina nyaata humneessa dhannaa(PEM) fiduuf qooda guddaa ni qabaatu.

 

Biyyoota dagaagaa jiran keessatti ijoolleen umurii isaanii waggaa 5 gad ta’e miliyooni 210(36%) kan ta’an huqqina dhannaa qabu(under weight). Ulfinni isaanii kan ulfina umurii isaaniin gituun gadi(weight for age). 250 milliyooniin(43%) ammoo quucarani jiru. Kana  jechuun  ojaan isaanii kan umurii isaaniini gituun gadi jechuudha(low height for age). Miliyoniin 52(9%) ammoo qallatanii jiru. Kana jechuun ulfinni isaanii kan ojaa isaaniin gituun gadi jechuudha(low weight for height).

 

  Qooda umurii fi haala qaammi namaa hojjetu

 

Ijoollee waggaa tokko gadii fi ijoollee xixiqqoo- Dhukkubi hirina nyaataa nyaata ijaaraa dhannaa fi hirina nyaata humneessaa dhannaa irra caalaa kan argaman ijoollee xixiqqoo keessatti. Sababi isaas:

 

 1.  Guddinni isaanii barbaachisa nyaataa ol kaasa,

 2.  Nyaata of isaaniitiin argachuu hin danda’ani,

 3.  Yoo naannoo qulqullina hin qabne keessa jiraatan ammaa amma dhukkuba garaa kaasaa fi dhukkuboota dadarba’a ta’aniin qabamu.

4. Ijoolleen yeroo malee harma gu’an ykn itti dabala nyaataa malee yeroo dheeraaf harma hodhuudhaan jiraatan minaan ijaaraa qaamaa fi minaan humneessa dhannaa gahaa dhabuu irraan kan ka’e dhukkubsataa hirina nyaataa tahuu ni danda’u.

 

Ijoollee umuriin isaanii waggaa(ganna) tokko gadi ta’an keessatti nyaata gahaa hin taane yoo yeroo dheeraaf nyaatan dhukkuba hirina nyaataa maraasmas(marasmus) jedhamutu qabata. Kun ammoo ijoollee umurii akkasii keessatti ayina dhukkuba hirina nyaataa nyaata ijaaraa qaamaa irra hirina nyaataa nyaata humneessa dhannaa isa caalaatti argamuudha. Ayina dhukkuba hirina nyaataa kan firfureessu(kwaashorkor) ammoo ijoollee umuriin isaanii ji’a 18 booddee ta’ee keessatti caalaatti argama. Kun keesumaa ijoollee umuriin isaanii akkas ta’e yoo mooqii isaaniif kennamu qallate ykn nyaati isaan nyaatan baayyinaan camcamee ta’e(starchy and carbohydrate) kan nyaata ijaaraa qaamaa hin qabne(protein) ta’e dhukkubi dhanna furfuraa kun ni qabata.

 

Yoo ijoolleen umurii isaanii akka kanaan oli ta’e hanqina nyaataa ijaaraa qaamaa ammaa(acute) qaban hanqina guboo(turaa) nyaata humneessa qaamaa(chronic dietary energy deficit) wajjin walitti hidhaa qabaatan mallatooti dhukkuba hirina lamaaniin dhufan ni jiraatu. Dhukkubi kunis marasmic kwashiorkor jedhama. Isa kana keessatti dura kan argamu furfura qaamaati. Itti aansuudhaan garaa kaasaa ykn dhukkuba dadarbaatu(dhukkuba infekshinii) dhufa.

 

Ijoollee gurguddoo fi namoota gurguddoo keessatti kan dhukkuba hirina nyaataan qabamuuf sodaachisan.

 

Dhanni isaanii dhiibbaa hanqina minaanii fi dhiibbaa hawaasummaatti amalamuu(cope) waan danda’uuf dhukkubi hirina nyaataa nyaata ijaaraa qaamaa fi hirina nyaata humneessaa qaamaa(PEM) laafaa ta’a. Jabinni ykn hammeenyi dhukkubooti dadarboonii fii kan dhukkuba dadammasan kan biroo irra laafaa ta’anii argamu. Umurii xobbeen baraaramuun dhalootaan akka filamanii dhukkuboota booddee dhufan akka dandamatan waan ta’eef dhukkubi hirina nyaataa kun salphaa isaanii ta’a.Kana irra darbee kan hirina nyaataa nyaata ijaaraa qaamaa fi nyaata humneessa qaamaaf saaxilaman:

 

► Sababa barbaachisi nyaata isaanii ol ka’ee argamuuf dubartoota ulfaa fi hoosisan ► maaanguddoota mataa isaanii tajaajiluu hin dandeenyee fi

► joollee gurguddoo fi namoota gurguddoo dhukkuba adda addaan hubamanii fi dhukkubsatan.

 

Sababa carraa minaan argachuu danda’anii fi sababa aadaan tokko tokko namoota umuriin isaanii umurii oomisha keessa jiruuf nyaataan ittisa waan godhamuuf namooti dargaggoo, dhiirota guddatan, dubartoota ulfa hin taanee fi hin hoosifne keessatti dhukkubi hirina nyaataa nyaata ijaaraa dhannaa fi hirina nyaata humneessa dhanna xiqqoodha, yoo jiraate iyyuu salphaadha. Yeroo goginaa fi yeroo lolli jiran dhukkubi kun hamaa ta’ee hunduma keessatti mullata. Dhukkubsatoota sammuu, hidhamtoota fi machooftota fi namoota haraara qorichaa qaban keessatti dhukkubi hirina nyaataa nyata ijaaraa qaamaa fi hirina nyaata humneessaa qaamaa ni jiraata. Namoota guddatan keessatti dhukkubi kun cimaa ta’ee argamu namoota dhukkuba biraan qaammi isaanii hubameedha. Fakkeenyaaf dhukkuba guboo(turaa) kan akka kaanserii,AIDS, marrummaan irraa xuxuuxina minaanii gara darbe ykn gadhee ta’e, dhukkuba tiruu fi dhukkuba qaama hormoonii bululchan.

 

Akkaataa dhukkubi hojjetuu fi deebii nafa walfudhachuu(pathophysiology and adaptive response)

 

Dhukkubi nyaataa nyaata ijaaraa nafaa fi hirina nyaataa nyaata humneessaa nafaa suutuma suuta dagaaga. Kun wal tahuu gad bu’aa argamuu dhama minaanii maandhee fi hirina gaaffi dhama minaani wal gitina nyaataa fida(This results in decreased nutrient demands and nutritional equilibrium compatible with a lower level of cellular nutrient availibility). Yoo dhiheessi nyaataa ittuma fufee yaraa  ta’e dhukkufataan kun kanaan achi itti madaquu hin danda’u, du’uu illee ni mala. Jeequmsi nadheefaa  (metabolism disturbance)) kan sababamuu danda’u dhabina cimaa dhama minaanii ta’uu ykn walxaxina dhukkuba biroo ykn tajaajila gahaa hin taane kennuudhaan, fakkeenyaaf akka tasaa nyaata  ijaaraa qaamaa ykn nyaata humneessa qaamaa baayyee al tokkotii kennuu.

 

Dhukkubsatooti suuta suutaan kan akka maraasmasii jechuun hirina nyaataa nyaata ijaaraa dhannaan qabaman madaqinni nyaata isaanii haala yeroo sanatti qaban kan dhukkubsatoota hirina nyaataa nyaata humneessa kan akka tasaa ta’u irra wayya.

 

 Humna totochoosuu fi baasuu(enegy mobilization and expenditure)

 

Hirinni humna baasuu hirina nyata humneessa  fudhachuu hordofa. Kun kan mullatu ijoolleen hirina nyaata humneessaa qaban yeroo gabaabaatiif xabatu, collummaa dhabus, namooti gurguddoo hojii humnaa xiqqoo hojjetu, haadha galfii baayyisu, akka garaa hojjetanii oomishifachuu hin danda’ani. Hiyyumatu dhufa jechuudha. Kana irratti wayaaneen ummata keenya maal godhaa jirtii? Yoo hirisuu baasuun humnaa nyaata nyaachuu gahaan hin taane ykn isa bahe iddoo buusuu baate cooma gogaa jalaa fi ulfina dhannaa hirisuun coomi humna kennuuf nadheefama(katabolism- subcutanous fat is mobilized and metabolized). Cooma kan hin taanes suutuma suuta  hirataa dhufa. Akkuma hirinni humnaa hammaachaa dhufu coommii gogaa jalaa baayyee hirata. Gadi nadheeffi nyaata ijaaraa dhannaa(protein) badina irreetti geessa(leads to muscle wasting).

 

Nadheefa nyaata ijaara dhannaa-  Dhukkuba furfura dhannaa ykn dhukkuba hirina nyaataa nyaata ijaaraa dhannaa irra dhukkubi maraasimas ykn dhukkubi hirina nyaataa nyaata humneessaa dhannaatu madaqqina nadheefa isaatiin nyaata ijaaraa qaamaa qaamota qabatoota addaa addaa kan akka qabata mi’a garaa keessatti akka hafaniif hojiin barbaachisa nyaata ijaaraa dhannaa irratti hirkatan akka qusataman godha. Jijjiirinni inzaa’imii cacabina nyaata ijaaraa dhannaa(protein) irree keessa jiruu fi tolchuu nyaata ijaaraa nafaa tiruuf looga. Akkasuma hiriirsa humnaa gombisaa ykn kuusaa cooma irraa looga(enzymatic changes favour muscle protein breakdown and liver protein synthesis, as well as energy mobilization from fat depot). Dagaagina ganamaa hirina nyaataa nyaata ijaaraa qaamaa kan qaamota keessaa keessa jiran tokko tokko ni badu, eegasii amma(acute) prootiniin(nyaata ijaaraa dhannaa) barbaachisaa hin taane hanga hubamanitti achi dhaabbatu. Dhumaatiin pirootinii(nyaata ijaaraa qaamaa) kan qaamota keessaa  keessa jiran itti dabaluun yoo qalabi nyaataa milkiin kennamuu baate du’a fiduu ni danda’a. Dhaqee dhaqee madaqinni dhannaa hirina nyaataaf godhu kun dadhabaa dhufee nyaati ijaaraa qaamaa kun bushaan qaama keessa jiruu wajjin kutaa dhiigi keessa yaa’uu keessaa gara dhanna keessatti asi yaa’uun furfura qaamaa fida. Akkasitti egaa furfurri qaamaa dhukkuba hirina nyaata ijaaraa qaamaa(pirootin) keessatti argamu tolfama.

 

Hojii micirooti hormoonii tolchan

 

Dhukkuba hirina nyaataa ijaaraa dhanna fi nyaata humneessa qaamaa hamaa keessatti hojiin hormoonii dhanna ijaaruu irratti hirmaatu ni laafa, nadheefi(metabolism) ni  dabalama akkasuma hojiin wanti guddinaa wajjin walitti qabate yeroo fayyaa hin barbaadamne sisiyachuun itti dabala. Fakkeenyaaf hormoonii shukkaarri maandhee keessa akka galu kan godhu insuulinii jedhama. Hormoonii xannacha quufaa fi hormooniin gilukokortiikoyid nyaatii ijaaraa dhannaa akka cacabu kan godhan, coommi akka baqu kan godhanii fi nyaati ijaaraa dhannaa fi kan biro gara nyaata humneessaa qaamaatti(energy nutreint) akka jijjiiramu kan godhaniidha. Dandeettiin hojii dakoo sammuu(primitive-hypothalamus)- pituutarii keessi miciree adireenaaliin(adrenal medulla) ni hafu(preserved). Kanaaf yeroo yaadii fi cinqiin namatti baayyatu  fayyaa gilgilli miciree fi nadheefa jiraatu.

 

Dhiigaa fi geejjiba qilleensa qulqulluu(oxygen)- Nama hirina nyaataa qabu keessatti hirinni qaamaa waan jiruu(lean body mass) fi totocho’inni dhannaa waan gadi hiratuuf barbaddinni qilleensa qulqulluu yaraadha. Gadi hirinni dhangaggoo amayinoo(amino acids) hojii warshummaa dhiigaa hirisa. Kun ammo nyaata ijaaraa dhannaa caalaatti barbaachisaa ta’e akka oomishu godha(protein synthesis). Dandeettidhuma jiru kanaan qilleensi qulqulluu gahaan dhannaaf  ni geejjibama jechuudha(enough oxygen is transported). Yoo sibilli dhiiga keessaa inni qilleensa qulqulluu baatee deemu hirrate waan qaammi hirina nyaataaf madaqqina uummatuuf ta’a malee dhuguma hirina sibiilaatu jira jechuu miti. Yoo sibiilli dhiigaa wajjin naannawu gadi ta’e iyyuu, hirina nyaataa isa hamaa keessatti iyyuu dhanni kuusa guddaa sibiilaa qaqba. Yoo qilleensi qulqulluun akka tasaa dhabame qaammi dandeetti hormoonii kan kaleedhaan oomiishamee(erythropeietin) fi oomisha dhiiga diimaa tohatu fi dhiiga adii(reticulocytes)ofitti qabee hambifata(retain). Haa tahu iyyuu malee dhukkubsatooti akkasii yoo nyaata nyaatan keessaa dhaban ykn dhangaggoo foolik yoo dhaban ykn yeroo dheeraaf(guboo) dhiigan(akka akka raammoo abbaa hokootiin dhiigii isaanii xuuxame) dhukkuba hirina dhiigaa qabaachuu ni danda’u.

 

Yoo nammi akkasitti dhukkubsate nyaataan wallaaname, qaammi isaa dabalee, totocho’inni isaas itti dabale barbaachisi qilleensa qulqulluu itti dabala, oomishuun dhiigaas susuke iitti dabala(accelerated haematopoiesis), yoo sibilli, dhangaggoon foolikii fi vitaminiin B12 argamuu baate hirinni dhiigaa dhabina qilleensa qulqulluu dabalate ni dagaagaa. Qoricha sibiila qabu nama dhukkuba hirina nyaata ijaaraa dhannaa fi nyaata humneessa qaamaa hamaa qabuuf yoo kennan erga wallaansi nyaataa dhanna dabalee booda kan deebiin dhiiga oomishuuf kennamu (administration of haemateminics to severely malnourished patients induces a haematopoietic response only after dietary treatment produces an increase in lean body mass).

 

Hojii onnee fi hidda dhiigaa fi kalee- Hirina nyaata ijaaraa dhannaa fi nyaata humneessa dhannaa keessatti dhiigi handaara dhannaatti yaa’u yaraa waan ta’eef harki fi miilli ogguu harkaan qaban ni diilallaa’u. Dhiigi onnee irraa bahuu fi dhiibbaan dhiigaa ni hirisa, ogguu lafaa ol ka’ani maraamartootu nama qaba, dhiigi gara onneetti deeb’us ni yarata. Kana hundumaa wal qixxeesuuf rukkunaan onnee itti dabala(haemodynamic compansation results mainly from tachycardia). Hirina nyaata ijaaraa qaamaa fi nyaata humneessa qaamaa hamaa keessatti kufaatii geengawuu dhiigaa isa mogaatu ta’a sababa dhiigi onnee irraa bahu yaratuuf(periferal circulatory failure). Yaayyinni bushaan dhiigaa(plasma gara kalee dhaquu fi gingilchuun dhiigaa kaleen raawwatamu ni hirata garuu haxaawuu bushaanii fi dandeetti fincaan furdisuu fi dhangaggeessuu finca’anii kalee ni hubama.

 

Walgala ittisaa(immune system) fi nadheefa  monookayin(monokine metabolism)—Nammi hirina nyaataa qabu dhukkubaaf saaxilamaadha. Nama hirina nyaata ijaaraa dhannaa fi hirina nyaata humneessa dhannaa qabu keessatti hirinni lymphocyti T kan jedhamu ittisa dhukkubaa akkasuma hirina hojii komplementi fi opson kan jedhaman ittisa dhukkubaatu jiraata. Kun ammoo nammi akkasii malaa baakteeriyaa giraamii duwwaan gadi(gram negative) jedhamanii moggaafamaniin uumamu godhatu. Akkasuma hirina oomishuuf totocho’ina interleukin-1 kan jedhamu qabaata.. Kun ammoo dhukkuba infeekshinii keessatti nammi akkasii kun hiyyuma dammaqina dhanna gubaan tahuu fi gadi bu’ina lakkoobsa dhiiga adii qabaata(In severe PEM there is a decrease in T lymphocytes and in complement and opsonic activities, thus explaining the high susceptibility to gram negative bacterial sepsis. The synthesis and activity of interleukin-1 are depressed, and this decrement contributes to the poor febrile response and low leukocyte count in infection). Karaa biraa kachektin ykn alannoo hiitoo goggossu(cachectin or tumur necrosis factor) itti dabala. Kun ammoo nyaata dhowwuu, irree fixuu fi cooma golgoleessuu ykn gilgiummaa coomaa dhowwuu(lipid abnormalities) nama hirina nyaata ijaaraa dhannaa fi hirina nyaata humneessa dhannaa keessatti hirmaata qaba.

 

Albuuda qaama keessaa- Waljijjiirri Soogidda(soodiyumii) fi potaasiyumii maandhee keessaa nama hirina nyaata ijaaraa qaamaa fi hirina nyaata humneessa keessatti ni jijjiirama. Kun ammoo dhubuu soogidda potaasiyumii fida, garuu soogiddii(soodiyum) maandhee keessatti itti dabala. Kun ammoo maandheen keessi bushaan baayyee qabata(potassium loss increased intracellular sodium which may lead to intrcellular overhydration)

 

Sababa soogiddi potaasiyumiin maandhee keessaa baduu fi nyaati ijaaraa qaamaa irree keessaa hirratuuf soogiddi potaasiyumm walgala(system) dhanna keessaa ni hirrata. Jijjiirraan kun dadhabina yeroo yerootti itti dabaluu fi hirina jabina irree fi hirina totocho’ina irree marrummaaniitiif hirmaata qaba(These alterations contribute to the increased fatigability and reduced strength of skeletal muscle and the reduced motility of intestinal muscle).

 

Hojii garaachaa fi marrummaanii

 

Hirina nyaata ijaaraa qaamaa fi hirina nyaata humneessa qaamaa hamaa keessatti hirina hojii dayisakaraayids, bululchoota(caancota)  garaachaa fi rajiijii ykn rajo fi hirina oomishuu adhooftuutu jiraata. Kun ammoo cuunfachuu(digestion) fi xuxuuchachuu nyaata humneessa qaamaa, cooma fi dhangaggoo amonoo(amino acids) gufachiisa. Haa tahu iyyuu malee wallaansa soora(dhama) baayyina ol ka’aa ta’e nama hirina nyaata ijaaraa qaamaa fi hirina nyaata humneessa qaamaa qabuuf yoo kenname yeroo hedduu dandamina(recovery) nyaataaf hammi gahaan marrummaaniin gara dhiigaatti ni xuxuuxama(however, ingestions of nutrients in high therapeutic amounts usually allows for their uptake in sufficient quantity to permit nutritional recovery). Sababi jijjiirraa kanaa fi sababa totocho’ina marrummaanii walqixaata hin taaneef akkasuma guddina baayyee baakteeriyaaf nammi hirina nyaataa qabu garaa kaasaaf ni ta’a(prone). Dandaminni nyaataa kun hundumtuu ni cala’a(ni bada). Yoo marrummaanni akaakuu minaan tokko tokkof obsa dhabe malee xuxuuxuun marrummaanii dandamina nyaataan iddoo isaatti ni deebi’a.

 

Walgala ribuu giddu galeesaa fi ribuu gamgamee(central and peripheral nervous system)

 

Hirinni nyaata ijaaraa qaamaa fi nyaata humneessa qaamaa umurii xobbummaan ta’e guddina sammuu , huwwisa(hagoobara) coomaa ummachuu ribuu(nerve myelination), oomisha dadabarsaa ribuu(neurotransimitter) fi furguggina(velocity) hojii walharkaa dadabarsuu ribuu hirrisa ykn tursiisa ykn booddeetti hambisa(reduce or delay). Sababoota totocho’ina qaamaa, aqila fi amala namaa tolchuu irratti hirmaatan kan biroos waan jiraniif jijjiirraan dagaagina isaan kana irratti hirinni nyaataa ijoollummaan ta’ee kun yeroo dheeraa booddee dhiibbaa qabaachuu fi hin qabaannee isaa hanga yoowwanaatti qoratamee irra hin gahaamne. Taliilina(quality) nyaataan namoomsuu ykn sarbuu ykn hadhaadhiyuu(the quality of nutritional rehabiltation), utubuu sammeessa hawwaasummaa(psychosocial support) sadarkaa maatiin jajjabeessuu fi alannoon urgee(environmental factors) dagaaginni mucaa hirina nyaataa godhatu irratti dhiibbaa ni qaba.

 

Duucha(dude) ykn alannoo biraan kan gara hirina nyaata ijaaraa qaamaatti(kwashiorkor) geessan.

 

Itti dabalata hirina nyaata ijaaraa dhannaa(protein) fi walqabata durgoo ykn hinke(ratio) nyaata ijaraa dhannaa fi nyaata humneessa qaamaa(protein:energy ratio) fi mala- yaalii garaagarummaa itti dammaqa(response) qola miciree adrenalinii(adrenocortical response) fi ti’ooriin oomisha fi ofi irraa gatuu walaba(radicals)(free radicals) fi sababa dhukkuba dadarbaa(infections) fi  aflatoxin summaawwuun burqu nadheefa(metabolic shunts) ni hiirmaatu. Raawwati summeessuu walaba radicals kun kan gara hiita ykn furfura, coomina tiruu fi dhukkuba tiruu fi dhukkuba gogaatti geessu miidhaa maandhee fida.

 

Duuchatoota ykn alantoota walaba radicalsii dabalan keessaa infeekshenoota,summoota fi sibiilatti akka malee saaxilamuudha. Umamuun walaba radicalsiin kun gadi hirachuu danda’u hojii farra(antioxidant) ti vitaamina A(or beta-carotenes)C fi E Fi ceruplasin kan jedhamu protein fi dabarsaa(transfering) dha( kan sibiila walaba ta’eetti hidhamee akka inni jijjiiramu loogu(which binds to free iron and favour its oxidation)

 

Dhukkuba(pathogenesis) furfura hirina nyata ijaaraa qaamaa fi hirina nyaata humneessa qaamaa keessatti umamu akka umurii dhukkubsatootaa, baayyina hirina nyaataa fi kan kanaan qabatanii dhufan wajjin wal chaalmaa qabaachuu ni mala(The pathogenesis of edamatous PEM may not be a single entity, and its causes may differ in accordance with the age of the patients, multple nutritional deficiencies, and other concomitant conditions.)

 

Jeeqama madaqinaa(Disruption of Adaptation)

 

Hirinni humnaa hamaan gara hirina shukkaaraa, qabbana qaamaa, gufachuu(impaired) naanawwuu dhiigaa fi gufachuu hojii kalee, dhangaggawwuu dhiigaa, of wallaaluu(coma),gagabdoo fi du’atti geessa. Sababa hirina nyaata ijaaraa dhannaa(protein) hamaatiin jeequmsi nadheefaa((metabolic decomposition), dhabuu(badinsa) nyaata ijaaraa qaamaa mi’a garaa keessaa(visceral proteins), dhiiguu, keellawwuu ija’a, gufachuu hojii onnee fi kalee, bushaan fi soogidda(sodium) dhanna keessatti hambisu(qusachuu), somba bushaanessuu(pulmonary congestion), infekshiniif saaxilamuu sombaa edahuu(increase), of wallaaluu fi du’a oomishuu(produces death). Nama hirina nyaata hamaa qabu sonessa(management) nyaataa gahaa hin taanee irraan kan ka’e bala’amaa jeeqama nadheefa kan gaaga’amsa walitti qabate uuma.(inadequate dietary managemant of severely malnourished patients can cause serious metabolic disruption with fatal consequences) Kun kan akka yeroon isaa utuu hin gahin nyaata humneessa qaamaa fi nyaata ijaaraa qaamaa jalqabuu fa’i.

 

Wallaansa akka tasaa baayyee hedduu nyaata ijaaraa dhannaan dhukkubsataa wallaanuun keesumaa furfura kan qabuuf kennuun, dhiiga ykn bushaan dhiigaa(plasma) baayyee dadafiidhaan kennuun firii mukaa(fruits) akka tasaa edahuu nyaata ijaaraa qaamaa(protein) hidda dhiigaa keessatti asi fidee itti namma’a dhangala’a maandhee ala jiru gara kutaa dhiigaatti fida. Kun ammoo kufaatii ykn dadhabbii onnee fi furfura sombaatti fida. Infekshiniin jeeqama nadheefatti fida. Kun ammoo sababa itti hohina cacabsuu nyaata ijaaraa qaamaa fi baddinsa nitrogen, jallisii nadheefa nitrojiniin gara hojjechuu fuulla ammaa nyaata ijaaraa qaamaa, gufaatii nadheefa humnaa fi ykn oomisha walaba radicalsii ti(infections can produce serious metabolic disruptions due to enhanced protein catabolism and nitrogen losses, diversion of nitrogen metabolism to the synthesis of acute phase proteins, impaired energy metabolism, and/or production of free radicals)

 

Hirina nyaata ijaaraa qaamaa fi hirina nyaata humneessa qaamaa(PEM) hamaa baruuf mallatoota argamanitti dabalama seenaa nyaataa gaafachuun barbaachisaadha.

 

Hirina humneessaa qaamaa(marasmus) kan caalaatti hammeessan

 

1. hirina minaanii hamaa,

2. dheerina yeroo beelaa,

3. dafanii harma guusuu ykn wal irraa kukutanii ijoollee waggaa tokko gadi nyaachisuu wajjin wallitti hidhata.

 

 

Hirinni nyaata ijaaraa dhannaa(protein)(kwashiorkor)

1.  hiyyuma nyaachuu nyaata ijaaraa dhannaa(protein),

2   turanii harma guusuu

3. garaa kaasaa ammaa

4. gifira wajjin walitti hidhata qaba.

 

Ijoollee dhukkuba akkasii qaban keessatti guboo ykn marmaara(dedeebi’a garaa kaasaa beekamaadha.

 

Dhukkuba hirina nyaata ijaaraa qaamaa fi hirina nyaata humneessaa qaamaa dhufu keessatti lamaan gurguggoddoo ta’aan akka kanaan gadiiti.

 

1   Hirina nyaataa humneessaa dhanna(marasmus-huuqqessaa-golgoleessaa)-baddisi(dhuminni) irree waliigalaa fi dhibammi coomii gogaa jalaa ijoollee huuqqina ykn hirina nyaataa gogaa fi lafeetti akka hafan itti fida. Ijoolleen akkasii ulfina nannaa kan hojaa isaaniin madaalamuu ta’uun irra jiru irraa harka dhibba keessaa harka 60 ykn isaa gadi qabaatu. Ifatti kan argamu quucarummaa qabu. Rifeensi isaanii haphii qallaa fi gogogaa ta’a. Gogaan isaanii gogaa fi haphii ta’ee dhodhomoquu xiqqoo qabaatee salphaatti shushunkuurata. Ijoolleen akkasii sisihannaa dhabu(apathetic) garuu urgee isaanii ni beeku(aware). Fuulla isaanii irratti sodaa fi gaddatu argama. Coommi gogaa jala’a maddii isaanii dhuma cooma qaama keessaa isa dhumuuti. Dhumi isaa kun maddii ijoollee hirina nyaata kanaan qabaman ni dhooqqessa. Kun hundumtuu ijoollee akkasii coraa/muldhina/danaa qalamee ykn fuulla nama dulloomee fakkeessa. Dhukkubsatooti tokko tokko nyaata nyaachuu hin fedhan, kan kan garuu baayye ni beela’u garuu nyaata guddaa nyaachuuf obsa hin qaban, salphaatti hooqqisu. Humna dhabuun ifaatti beekamaa waan ta’eef gargaarsa malee dhaabachuu hin danda’ani. Dhiibbaan dhiigaa fi hohinni qaamaa gadi hirachuu ni danda’an garuu rukkunaan onnee ni jiraata. Yoo utuu hin nyaatin sa’a 6 ykn isaa ol turan gadi bu’inni shukkaara dhanna keessaa ta’uu ni danda’a. Kun ammoo qabbana qaamaa tin(35.5 or less) hordafama. Mi’ooti garaa keessaa(visceral organs) yeroo baayyee ni xiqaatu( ni huuqqatu). Garaa bokokni jiraachuu ni mala. Xannachooti salphaatti harkaan qaqabamu.

 

Walxaxinni beekamoon dhukkuba ammaa garaachoo-marrummaanii(acute gastrointeritis), coollaga(dehydration) dhukkuba mi’oota afuuraa(respiratory infections) fi sababa hirina vitamin A hubama ija’a(eye lesions). Infekshiniin qaama keessaa(systemic infections) gagabdoo(hudhaa)summii(septic shock) ykn itituu dhiigaa hidda dhiigaa keessatti fiduun du’a ol kaasa(high mortality rate)

 

Seenaa nyaataa gafachuun nyaata hirina(PEM) AIDS, Tb(sombeessaa), kaanserii fi kan dhanna huuqqisan dhokkubsoota biroon ta’u gargar baafachuuf gargaara.

 

2  Dhukkuba hirina nyaataa nyaata ijaaraa dhanna(kwashiorkor)

 

3  Dhukkuba kana keessatti mallattooti fuulleetti mumullatan

1.  yeroo hedduu dhukkubbii kan hin qabne kan gadi dhooqu furfura laafaa kottee fi miilla irraatti bahu,

2.  yoo dhukkubi kun hamaa ta’ee ammoo furfur isaa gara giddu galeessa dhuma marrummaanii fi qaama saalaa, harka fi fuullatti diriira ykn baballata.

 

Dhukkubsatooti baayyeen

  1. bakka furfurri jirutti,

  2. bakka dhiibbaan wal irraa hin cinne jirutti(udduu fi dudda),

  3. bakka rirriittaan marmaarrii jirutti(frequent irritation),

  4. giddu galeessa dhumma marrummaani fi qaama saalaa fi gudeeda irratti dhukkuba gogaa qabaatu(skin lesions). Gogaan akkasii kun dirmammuu fakkaachuu ni mala garuu naannoo furfuraatti ni calaqqisa daangaa goginaa, soloqqinaa fi naannoo isaa irra caalaatti bifa addaa kan qabu wajjin(the skin may be erythematous, and it glistens in the edematous regions with zones of dryness, hyperkeratosis, and hyperpigmentation, which tend to become confluent)

 

Gogaan hedduun qunca’uun(luqawwuun) qaama isa jala jiru akka salphaatti dhukkuba biraan qabamuuf(infeekshin)saaxila. Coommi gogaa jala jiru(subcutaneous fat) ni qusatama(homaa hin tahu) garuu huuqqinni irree jiraachuu ni mala(danda’a). Hirinni ulfinaa akka marasimusii hamaa miti. Ijoolleen quucaruu ykn giddina hojjaa gilgila ta’e qabaachuu ni danda’u. Kun turina dhukkuba ammaa kanaa fi seenaa nyaataa duraa irratti hirkata ykn kitilaayyaa(dependent). Dhukkufataan qoollaja’uu ni danda’a, miillii fi harki ni qabbana’u, bulee(blue) ta’us ni danda’u. Ijoolleen dhukkuba akkasii qaban ni jiitaa’u, waanuma xinnoo isheetiif boo’uu. Fuulla isaanii irra mallattoo gidiraa fi gaddaatu argama. Fedha nyaachuu dhabu, hooqqisa nyaata booddee fi garaa kaasaan beekamaadha ykn gamtaadha(common). Yoo fayyinni nyaataa itti fufee haaloti kun utuu tajaajjilli garaachoo-marrummaanii hin godhamin ni wayyahu. Sababa tiruun coomaan guutamuuf  laafaa kan ta’e handaara geengoo qabaachuun yeroo hedduu tiruun ni hiita’aa(hepatomegaly with soft, round edge caused by severe fatty infiltration is often present). Sababa bokokina garaachaa fi marrummaaniitiif laddi ykn laddaan(abdomen) marmaarriin(frequently) ni ruurra’a.(the abdomen is frequently protruding becuase of a distended stomach and intestinal loops). Totocho’inni marrummaanii walqixa miti, marmaarriin suuta (frequently slow) ciminaa fi jabinni irree baayyisee ni hirrata(muscle tone and strengh are greatly reduced). Rukkunaan onnee itti dabaluun(tachycardia) gamtaadha(common). Yeroo gabaabaaf utuu hin nyaatin turraan diilallinni qaamaa fi hirinni shuukkaaraa qaamaa keessaa ta’uun ni mala.

 

Rifeensi mataa calaqqina dhabuun ni goga, ni hunkata’aa, utuu dhukkubbiin itti hin dhagahaamin salphaatti arkifamee ni buqqa’aa. Rifeensi dadabaan sarara sirrii ta’a, bifi rifeensaa yeroo baayyee bunnii daalachaa ykn diimaa dalachaa ykn keelloo adiitti jijjiirama. Ali alii nyaata ijaaraa qaamaa(protein) kan hin qabne nyaachisuun ali alii ammoo nyaata kana kan qabuu nyaachisuun rifeensa qudoo qudoon gilgila ta’eef qudoo qudoon bifa isaa kan jijjiirrate uuma. Kun akkuma alaabaan bifa adda addaa qabu mallattoo alaabaa jedhama.

 

Walxaxinni dhukkuba kanaa akkuma maraasmasii keessati garuu garaa kaasaa, dhukkubi mi’oota afuura baafannaa fi gogaa isa kana keessatti caalaatti marmaaraa fi hamaadha. Infeekshiniin, dhanna hohina, itti dabala rukkunnaa onnee, dadhabina afuura baafachuu ykn itti dabalina dhiiga adii akka malee ta’uu ni danda’a. Sababiin gamtaa guddaa du’a fidu tirtirina sombaa micii sombaa wajjin jiru, summaa’uu dhiigaa, dhukkuba garaachoo. marrummaanii fi dhaba wal madaalina bushaanii fi albuuda qaama keessa ti.

 

Garaagarummaa dhukkubi kwashiorkor(dhukkubooti kana fafakkaatan) kan akka sababa danqa xuuxa fi nadheefa nyaata ijaaraa qaamaa(protein) garaachoo. Marrummaan keessatti ta’uuf nyaata hirina nyaata ijaaraa qaamaa fi hirina humneessaa qaamaa lammaffaa uumamuun furfura dhannaa fi hirina nyaata ijaaraa dhannaa(protein) gargar baafachuun dansa,wallaansi fayyaaf ta’u gargar waan ta,eef(differential diagnosis must include other causes of edema and hypoproteinemia and secondary PEM due to impairment in protein absorption or metabolism.

 

Dhukkubsataa tokko keessatti mallattoota dhukkuboota lamaanii jechuun furfurreesaa fi huuqqisaa(kwashiorkor and marasmus) jiraachuu waan dandaaniif gargar baafachuun hedduu barbaachisaadha. Kana keessatti mallattooti gurguddoon mallattoo gogaa irra jiraatu ykn utuu hin jiraatin furfura hirina nyaata ijaaraa qaamaa(kwashiorkor) fi hirina cooma gogaa jalaa fi huqqina irree hirina nyaata humneessaa dhannaa( marasmus) keessa jiruudha. Sadarkaa duraa wallaansaa keessatti ogguu furfurri badu  mullina ykn coraa(appearance) dhukkubsataa sanaa falaka(resembles) hirina nyaata humneessaa dhannaa(marasmus) ta’aa(when edema disappearse during early treatment, the patient’s appearance resembles that of marasmus). Yoo ijoo minaan dhiiga keessaa qoratan mallattoon dhukkuboota lamaanii ni  jiru garuu jijjiirraan hirina nyaata ijaaraa dhannaa(protein) hamaatu yeroo baayyee dhuunfata.

 

Fooyyawuu fi du’aaf saaxilamuu

 

Wallaansa gahaan ulfinni dhannaa kan hojjaan walgitu deebi’uu ni danda’a, garuu hojjaan duubatti hafe itti guutuun yeroo fudhata ykn qaqabuu dhiisuu ni danda’a. Ijoolleen dhukkuboota kanaan qabaman nyaatan hongahuu(deprived) qofa utuu hin taanee carraa dagaaginaas ni hongahaamu(deprived). Yeroo bilchina qaamaa, sammuu fi hawaasummaa ni dhabu(these children have been deprived not only of food but also of opportunities for development, and they may have missed the crtical periods of harmonic physical, mental, and social maturation). Ijoolleen hirina nyaataa hamaa godhatan waa uumanii hojjechuu fi dandeetti barumsaa horachuuf rakkina ni qabaatu akkasuma hawaasatti makamuuf rakkinni isaan godhatan hiyyooma urgee jireenyaa irraa madda(this can be partially a result of a poor living environment). Haa tahu iyyuu malee tajaajila fi kakaasuu gahaadhaan baddinni(damage) kun siraahuu ni danda’a.

 

Namoota dhukkuba hirina nyaataa qaban(PEM) keessatti fakkoota(characteristics) dhukkubichi hamaa ta’uu isaa agarsiisan.

 

1  Ijoollee umurii ji’a 6 gadi ta’aan.

 

2  Yoo hirinni walgitinni ulfina nannaa fi oja’a harka dhibbaa keessaa harka 30 ol ta’e ykn kan walgitinni ulfina nannaa fi umurii wajjinii harka dhibba keessaa harka 40 ol ta’e

 

4        Yeroo mallattooti duufa geengawwuu dhiigaa jiraate(sighns of circulatory collapse)- harkii fi miillii qabbanaa’e, dhikkisi dhiigaa dadhabaa ta’ee, surriin hirrise.

 

5  Fajajuu fi of wallaaluun ykn jijjiirraan si’achuu qaamaa yoo jiraate.

 

 

6  Infeekshiniin keesumaa miciin sombaa fi gifirri yoo jiraate.

 

7  Xofxofiin diimaa gogaa irra ykn abballi dhiiguu yoo jiraate( kun dhiigi summaa’uuf vayirasiin dhukkufachuu wajjin walitti hidhamaa qaba.

 

8  Coolligni fi jeeqama albuudaa(electrolyte disturbances) dhanna keessaa yoo jiraate keesumaa hirinni soogiddaa potaasiyum fi baayyina soogiddaa soodiyum(soogidda nuyi nyaatatti daballee nyaannu) fi  dhiigi dhangaggoon baayyee summaa’uu.

 

9  Tattaafata addaan hin cinnee rukkunna’a onnee(persistent tachycardia), mallattoo dadhabbii onnee fi dadhabbii afuura baafachuu.

 

10 Hirina nyaata ijaaraa dhannaa(protein) bushaan dhiigaa(plasma) keessaa madaalamu liitira tokko keessatti giraamii 30 gad tahuu.

 

11    Sakara hamaa(severe anaemia)<4g Hb/dl ykn mallattoo qilleensa qulqulluu(Oxygen) dhabu-qaami  keesumaa hidhii,araba ykn afaan keessa, miilla fi harka bulee(blue) tahuu.

 

12 Keellawuu ija’a ykn bushaan dhiigaa(plasma) keessatti ol ka’ina ykn baayyina hadhooftuu.

 

      13  Sosoloqinaa fi bushaan yaasuu gogaa hamaa ykn yeroo baayyee ciisuu irraan kan ka’e  madaa holqatee madaa’e.

 

 

14 irina shukkaaraa dhiiga keessaa.

 

15 abbanaawuu dhannaa

 

Sadarkaa mucaan gadameessa keessatti fi hanga dhalatee waggaa lamaatti guddatu

 

Sadarkaa ulfaatti nyaati haadha barbaachisu kan namoota biroo irraa wallakkaa namooti nyaatan nyaata dur nyaattutti dabalattee nyaachuutu ishee irra jira. Kana jechuun ogguu namooti biroo harka lama nyaatan isheen harka sadii nyaatti jechuudha. Baalota nyaatamu kan akka raafuufaa nyaachuutu ishee irra jira. Yoo xinnatee xinnaate yeroo ulfaa hanga kiloo giraamii 12.5 ulfina isheetti yoo dabalte misha.

 

 Mallattoo aadaa ykn guyyuun(common) hirina nyaataa dubartii ulfa irratti mumulatan ykn ta’ani kan akka sakara(anaemia), itti dabala ulfina gahaa hin taane, mucaa ulfinni isaa xiqqoo dahuu(dayuu), utuu yeroon isaa hin gahin mucaa dahuu fi qallina haadhaafa’i.

 

Mucaan dhalatee hanga umuriin isaa ji’a jahaatti haati nyaata ishee harka lama itti dabaltee nyaachuu qabdi, bushaanii fi waan dhugamu alkahoolii irraa kan hafe jechuudha baayyiftee dhuguu qabdi. Mucaan akkuma dhalateen harma hoosisuu jalqabuu qabdi, yeroo mucaan harma hodhuu barbaadu hoosisuutu irra jira. Utuu waan gara biraa itti hin daballin hanga ji’a 4-5 ykn 4-6 tti harma duwwaa hoosisuu qabdi. Yoo ji’oota kana dura nyaata biraa aannan haadhatti dabalanii kennan gara garaa kaasaa fi hirina oomisha aannaan harmaatti geessa. Yoo mucaa  ganamaan hodhuu harmaa irraa dhaaban qaruuraa hoosisaatti(xuuxxoo) dhimma bahuutti nama geessa. Kun ammooo garaa kaasaa fi dhukkuba adda addaa mucaatti fida.

 

Mucaan dhalatee ji’a ja’a hanga waggaa lamaatti harma hoosisuu itti fufaa nyaata adda addaa suutuma suuta barsiisaa nyaachisuutu nama irra jira. Mucaan dhalate ji’a ja’aatti nyaata lallaafaa jalqabuudhaan hanga waggaa lamaatti nyaata humnaa fi ijaaraa fi suphaa kan ta’e walitti makanii guyyaatti hanga 4 hanga 6 tti xiqqoo xiqqoo kennuufiitu nama irra jira. Yoo kun akka kanatti hin kennaminiif hafe mucaan kun:

a.   ulfina qaamaa gahaa hin argatu,

b.   garaa kaasaatu itti hammaata,

c.   gifiratu qabata,

d.   akkasuma dhukkuba adda addaatu qabata.

 

Ijoollee dahuu wal irraa fafageessuun lubbuu ijoollee oolchuuf qooda guddaa qaba. Sababi isaas ijoollee dhalataniif akka kanaan ol jedhame tajaajila kennuuf haati yeroo fi humna godhatti. Ijoolleen kunis dhukkuba adda addaa of irraa ittisuuf qaammi isaanii waan barbaachisu ni argatu. Qaammi isaanis sirriitti ni guddata.

&nbs