|
|
Golfaa
("Typhus")
Dhukkubi kun addunyaa irraa biyya keenya keessatti caalaa argama. Dhukubi
kun dhukkuba hamaa ta’anii layyidaa(qaama gubaa) namatti gadhiisan
keessaa isa tokko. Kan dhukkkuba kana namatti fiddu jermii ija keenyyaan
duwwaa arguu hindandeenye riikeetisiyaa piroowaazekii jedhamauudhaan. Kan
inni nama tokko irraa gara nama biraatti darbuu danda’u injiraaniin.
Walumaagalatti ugguu bakkeen / udaanni injiraanii inni jermii dhukkuba
kana fidu qabu hoxxoo cinniinnna injiraanii irraan kan ka’ee hooqametti
rirriitamu jermiin kun dhanna/qaama namaatti gala. Injiraanni dhiiga nama
dhukkuba kana qabu xuxuudhaan jermii dhukkuba kan qabu qaamaa isheeetti
fudhatti. Egaa akkataa dhukkubi kun itti dadarbu nama irraa gara
injiraanii, injiraan irraa gara namaatti. Qilleensa hawwara goga’a
udaan/bakkee injiraan jermii dhukkuba kana qabuun makamee jiru nammi
fayyaan keessatti gadi baafanaan dhukkubi
golfaan kun isa qabuu ni danda’aa. Yoo dhukkubi kun to’annoo jala
ooludhaa baate ummata dhukkuba kanaan saaxilaman keessatti geengawwuudhaan
amma waggaa sadiitti ummata saaxilame kana keessa jiraata. Waggaa duraa
suutuma suuta lakkoobsa namoota baayyee dhukkubsatani dabaluudhan waggaa
lammaffaa irratti namoota baayyee dhukkubuudhaan ciibsa.. Namooti hedduun
waan dhukkubsataaniif qaama isaanii keessatti waan dhukkuba kana isaan
irraa dhowwu huummatu. Kanaaf waggaa sadaffaa irratti lakkoobsi namoota
dhukkubsatanii hirrachaa dhufa. Dhukkubi golfaa kun ayyinaa muraasatu
jira.
Kan karaa cinniinnaa geergoo dhufus jira(rikeetisiyaa tsutsugaamushi).
Akkasumas bakka namooti tulluu dhagaan itti baayyaatu jiraatan cinniinnaa
silmii irraan kan dhufu dhukkubi golfaa ni jira(rikeetisiya rikeetsii).
Dhukkubi karaa cinniinnaa injiraanii fi silmii dhufu yoo wallaansa fayyaa
argachuu baatan gaga’aama lubuu namatti fiduu ni danda’ani. Ayyinaan
tokkos antuuta irraa karaa tafkii akkuma injiraanii nama ciniinuudhaan
namaatti darba. Kun kan argamu naannoo buufata dooniitti. Dhukkubi isaas
laafaadha(muriin tayifas-rikeetisiyaa tayifii(museerii). Akkusuma bakka
hantuuti itti baayyaatutti dhukkubi kun ni argama.
Mallattooti dhukkuba golfaa
Erga qaama namaatti galee guyyaa torba booda mallattoota kanaan gadii
agarsiisa.
1. Mataa bowwuu akkuma tasaa dhufa.
2. Layyidaa(qaama gubaa) akkuma tasaa dhufa( sudden onset of fever)
achumaan itti dabalaa dhufa.
3. Dhaammocha dhaammocha namatti dhagahaama.
4. Mataa bowwuu, dhanna keessa fayyummaa dhabuu(malaise) fi dadhabina
irraan kan ka’ee lafa ciisanii ka’uu dadhabuu(prostration)
5.. Dhukkubi golfaa qabee guyyaa shanaffaa irratti naannoo dacha’aa
bobaatti jijjiirina bifa goggatu argama, achumaan gara qomaa fi mudhii
akkasuma gara harkaatti baballata.
6.. Gara sammuutti seenuudhaan mataa bowwuu itti ammeessa, akka kakaasuu
godha, hin cabaalleqsa, of wallaalchisasi.
7.. Hojii uumaa geengawwuu dhiigaa(blood circulation) karaa irraa
maqsuudhaan onnee baayyee ammaa amma akka rukutu godha dhikkisa dhiigaa
dabala(increased heart beat- increased pulse), dhiibbaa dhiigaa gadi
xiqqeessa(low blood pressure), qilleensa dhiiga keessaa(oxygen) akka
hirratu
godha(cynosis).
Yoo yaaliin fayyaa nama golfaadhaan dhukkubsateef kennamuudhaa baate harka
calaa keessatti bala’aa du’aa fiduu ni danda’aa. Sababiin isaas
geengawwuun
dhiigaa karaa irraa waan kaatuuf kalee hojii isaa hojjechuu waan dadhabuuf
siichoon yokkiin kosiin(azotemia) hojii uumaa qaama namaa dhanna keessatti
kuufamuu irraan kan ka’ee dha. Hiddi dhiigaa gurguddoon tokko tokko
dhiiga
ititeen/kantareen cuqqaalamuu ni danda’uu.. Iddoo tokko tokko irratti
gogaa
ajjeesudhaan madaa gogaa gurraacha cilaatti fakkaatu(gangrene) argamuun ni
danda’aa.
Golfaan bakka tulluun dhagaa itti baayyatu jiru golfaa karaa injiraanii fi
tafkii dhufu irra bala’aamaa dha. Kan dhukkuba golfaa wajjin
walfakkaatani
kan akka busaa, layyidaa(dhanna gubaa) dedeebi’aa(relapsing fever) micii
sombaa(pneumonia) fi dhukkuba sombaa(tuberclosis) dhukkuba golfaa kana
irraa
gargar baafachuun baayyee barbaachisaa dha.
Dhukkubi golfaa hamaa waan ta’eef dhukkubi kun nama qabnaan dafanii mana
wallaansaa dhaquun hedduu barbaachisaa dha.
Ittisa golfaa
1.. Iddoo/bakka silmii nama ciniinuu dandeessutti naannoo tulluu dhagaan
jirutti cinniinnaa silmii irraa of eeggachuu barbaachisa.Yoo silmiin nama
ciniintes utuu hin burussin sutaan of irraa buqqisuu. Iddoo/bakka isheen
ciniintes bushaaniin qulqulleessanii dhiquu barbaachisa.
2.. Injiraan huccuu/wayyaa/kafana, akkasuma injiraan mataa amma danda’
ametti of irraa ittisuu. Kunis kan danda’amu yeroo hundumaa qaama/dhanna
ofii dhiqachuufi wayyaa/huccuu miicachuu. Yoo injiraanni nama ciniintes
utuu
hin hooqqatin ofi irraa haxaawwuu akka isheen nama irrattii duutee jermiin
golfaa fidu karaa hooxxoo nanna namaatti hingalletti.
3.. Yeroo rakkinni ummata keenya keessatti hammaachaa jiru kana waa’ee
huffataa fi waa’ee mana jireenyaa akkas jedhamee dubbachuun yoo nama
dhibe
iyyuu walitti ruruuqamanii rafuun yookiin ciisuun dhukkuba kana
dadabarsuuf
qooda waan qabuuf amma danda’ametti kana irraa of qusachuun barbaachisaa
dha.
Rakkina kana keessaa bahuuf qabeenya ofiitti dhimma bahuun barbaachisaa
dha.
Qabeenya oromiyaa ummati oromoo abbaa itti ta’ee ofii itti fayyadamuuf
ammoo
mootummaa wayaanee mootummaa saamtuu kana balleessuu dha. Kana gochuuf
ammoo
qabsoo bilisummaa itti finiinsuu malee filmaatii gara biraa hin jiru. Yoo
kana ta’uu baate hiyyummi ittuma caala, dhukkubis ittuma ammaata.
|
|