mana barnootaa

Iyyata gargaarsa07
Seenaa gababaa

Kattaa
Lokke Qacaa
Sanbate Sinqelle
Iyyata gargaarsa06
Galata

Seminar'06

Sag. seminaaraa
Kubba miila, suura

Fest. Afaan Oromo

Sag. Fulbana 16
Gabaasa qophii

Wofo, Waladaa Ogeeyyi Fayyaa

Yaada kennaa

 

 

 

 

Ayyaana guyya barreffanno Afaan Oromo
Oromo Literature Festival

Ayyaan barreefamaa (literature festival) kan Afrika irraatti xiyyeefatee fi mana kitaba Stavanger (Stavanger library) qophi " Int. Stavanger Literature Festival of Speech and Freedom, Kapittel 06" jedhu jalatti kan qopha’e Fulbaana 13-17/2006 magaala Stvanger, Norway ti kabajamee jira.

 

Qophii Ayyaan barreefamaa kana irraatti Hawaasa Oromoo Rogaland Kibba qooda fudhannaa guddaa argisiise jira. Ayyaan kan irraatti haawasni keenya hariiroo fi waliin hojjenna garii mana kitaabaa Stavanger waliin qabuu irraa kan ka’e Fulbaana 16/2006 sa’a 14:00-15:00 seeminaarri waa’ee Guddina Afaan Oromoo illachisee kennamee jira. Seeminaar kan irraati Obbo  Leencoo Lata:

  • Afaan Oromoo bu’aa-ba’ii keessa darbee fi sadarkaa amma irra jiru

  • Afaan Oromoo yoom akka Afaan barreefama ta’e fi akkaataa itti eegale

  • Afaan Oromoo, qubee barreefamaa filachuu ilaalchisee

  • Afaan Oromoo, Raadiyoo fi TV’n tajaajila kennuu akka eegale fi yeroo amma guddina Afaan kanaaf dhiibbaa irra jiruu fi fuula duratti kan madatuu danda’u ibsa bal’aa kennanii jiru.

Seeminaara kan irraatti Qorataa Afaan Norway kan ta’an, Mr. Sylfest Lomheim (Director of the Norwegian Language Council) Afaan jechuun eenyummaa saba tokko akka murteessoo ta’anii fi hawwaa guddina Afaan Oromoof qaban ibsanii jiru.

 

Qophiin seeminaara kan irraatti Artistoon Oromoo kan akka obb Muktar Usmaan, Yohaannis Abatee, Umar Sulimaan, Dhiibaa Guyyoo Haayiluu Kitaabaa fi Qorqujjee simbo, sirboota Aadaa Oromoo sirbuun  uumata magalaa Stavanger hennaa duraatiif guyyaa irraa kaasanii  gammachiisaa turaniiru. Itti fufuun galagla isaa Hawaasa Oromoo fi uumata naannoo bashansiisaa bulaniiru.

 

Xumura sagantaa Ayyaan barreefamaa (literature festival) kan irraati Artisti Hirphaa Gaanfuree sirba Aadaa Oromoo waldaa guddaa magaalichaa (Stavanger domkirke) keesatt Masinqoo taphatudhaan sirbee ayyaan kanaaf xumura baareeda kenneef jira.

Koree Hawaas Oromoo Rogaland-Kibba!

 

Copyright ® 2006 HORk
  Home        Year Plan     Projects        Oromia     Links      Contact us  

  SEENSA

KAROORA

PROJEKTOTA

OROMIA

AFAAN OROMO

GUDUNFAA

QUUNNAMTI

Hawaasa Oromo Rogaland-kibBaa
Oromo community of South Rogaland, Norway